Saanduqa Teelebirrii (Qusannaa)

Akaakuun tajaajila kanaa maamiltoonni dhala fooyyee qabuun ykn dhala malee qusachuu kan itti danda’anidha.

Interest bearing Saving Account

It allows customers to securely store money anytime from anywhere and any amount that enables customers to get an interest fee.

Non-interest-bearing saving service:

Interest will not be applicable. Customers can save and withdraw anytime.

Akaakuuwwan Maallaqa kaa’uuf dandeessisan

  1. Qusannaa fedhii maamilaa irratti hundaa’e
  • Akaakuun qusannaa kanaa maamilli yeroo barbaade maallaqa amma barbaade qusachuu fi baasuuf isa dandeessisudha.
  • Maallaqni kaa’ame waggaatti %7 dhala.
  1. Qusannaa Cufaa
  • Maamilli maallaqa ammisaa beekame yeroo turtii murtaa’eef qusachuuf kan isa dandeessisudha. Haa ta’u malee maamilli kun guyyaa daangeffame dura baasuu hin danda’u.
  • Maallaqa tajaajila kanaan kaa’ameef waggaatti dhala %8 qaba.

Qusannaa Dhaabbataa

  • Maamiltoonni yeroo murtaa’eef maallaqa ammisaa murtaa’e dhaabbataan kaa’uu kan itti danda’udha. Maallaqni tajaajila kanaan kaa’ame waggaatti dhala %7.5 niqabaata.
  • Maamilli tokko birrii 500 fi kanaa ol kaa’uu ni danda’a.
  • Umuriin waggaa 18 fi kanaa ol ta’uu qaba.
    • Siim kaardii Itiyoo Telekoomii tajaajila kennu qabaachuu
    • TajaajilootaTeeleebirrii fi Itiyoo Telekoomii kanneen akka deetaa/ bilbila/ergaa

barreeffamaa gabaabaa kannee fayyadaman.
• Galmaa’uuf USSD (*127#) ykn karaa  fayyadama moobaayilii Teeleebirrii fayyadamuu ni dandeessu.

Karaa Fayyadama moobaayilii (application) Teeleebirrii attamittan tajaajila kana jalqabsiisuu fi fayyadamuu danda’a?

Tajaajila kana jalqabsiisuuf

  • Tajaajila faayinaansii isa jedhu dhiibaa
  • Teeleebirri Saanduq isa filadhaa.
  • Dandii fi haaldureewwan dubbisaatii mallattoo √ dhiibaatii walii galuu keessan ibsaa.
  • Jalqabsiisuuf isa jedhu dhiibaa.
  • Amma dhala waggaa barbaaddan filachuun, jalqabsiisuuf isa jedhu dhiibaa.

Maallaqa kaa’uuf

  • Teelee birri saanduq isa jedhu jalaa teeleebirri Saanduq isa jedhu dhiibaa.
  • Kaa’uu isa jedhu dhiibaa.
  • Maallaqa meeqa akka keessan galchaatii kaa’uu isa jedhu dhiibaa.

Maallaqa Baasuuf

  • Teeleebirri Saanduq isa jedhu jalaa teeleebirri saanduq isa jedhu dhiibaa.
  • Baasuuf isa jedhu filadhaa.
  • Meeqa akka baaftan galchaatii baasii isa jedhu dhiibaa.

.Walii galtee

    • Walii galteen kun (kana booda “danbiiwwanii fi Haaldureewwan” kan jedhamu) danbiiwwanii fi haaldureewwan tajaajila liqii Teeleebirri malaa walii galaa kan ofkeessatti qabatudha.
    • Danbiiwwanii fi haaldureewwan kunneen akkasumas fooyya’insii fi jijjiiramoonni kanaan wal qabatan barreeffamaan erga maxxanfamee eegalee hojiirra ni oola.

2.Hiika

Jechoonnii fi jechamoonni odeeffannoo danbiiwwanii fi Haaldureewwan kana keessatti tarreeffaman hiika armaan gadii qabaatu-

    • "Tajaajila liqii teeleebirrii" jechuun tajaajila namoonni dhuunfaa fi daldaltoonni/ bakka bu’oonni daldala xiqqaa/biizinasii akka jalqaban ykn daldala isaanii akka babal’isan liqii maallaqa xiqqaa karaa maallaqa elektirooniiksii  kan itti argatanidha.
    • “Tajaajila liqii” jechuun tajaajila liqii akkaataa danbiiwwanii fi haaldureewwan armaan gaditti kaa’amaniin karaa Itiyoo telekoomii maamiltootaaf dhihaatanidha.
    • “Maamila” jechuun maamila teeleebirrii maqaa isaatiin eenyummeessaa qusannaa qabidha.
    • "Sihi" "(dhiira, dubartii) ykn "kan kee" jechuun maamila jechuudha.
    • “E-maallaqaኢ” jechuun maallaqa callaa wal gita ta’e kan bakka bu’u maamilli kan ilaalu gatii maallaqa elektirooniiksii teeleebirrii ti.
    • "Baay’ina muummee" jechuun baay’ina liqii ka’umsaaf jalqaba Itiyoo telekoomiirra fudhatame dha.
    • “Maamila” jechuun eenyummeessaa teeleebirriitiin maqaa isaatiin tajaajila liqii teeleebirri malaaf kan galmaa’edha.
    • "Sihi" (dhiira,dubartii) ykn  "kan kee" jechuun maamila jechuudha.
    • “E-maallaqa” jechuunmaallaqa teeleebirrii elektirooniiksii maallaqa callaa waliin wal gitu jechuudha.
    • "Maallaqa muummee"  jechuun baay’ina maallaqaa bifa liqiin maamiltootaaf kenname jechuudha.
    • “Kafaltii tajaajilaa” jechuun baay’ina kafaltii  tajaajila kafaltii duubee fayyadamuuf maamilootaan kafalamudha.
    • "Kafaltii adabbii jechuun baay’ina kafaltii dabalataa guyyaan kafaltii liqii erga darbee kafalamudha.
    • "Guyyaa kafaltii xumuraa" jechuun guyyaan kafaltii liqii kan hin dabarree ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, guyyaa liqiin itti kennamee kaasee guyyoota 30 kan ofkeessatti qabatudha.
    • "Guyyaan kan itti darbe" jechuun guyyaan liqiin itti deebi’u kan itti darbe ta’uu kan agarsiisudha.
    • "Liqii babbade" jechuun guyaa liqiin itti kennamerraa kaasee liqii guyyoota 90 keessatti hin deebine yoo ta’u, yeroosaatti waan hin deebineefakka liqii babbadee ta’uu kan agarsiisudha.
  1. Danbii fi Haaldureewwan Fudhachuu
    • Tajaajila liqii teeleebirri malaa fayyadamuuf osoo hin iyyatiin dura danbii fi haaldureewwan kanneen ofeeggannoon dubbisuun itti fayyadamaa fi qajeelfama liqii dubbisaatii fudhadhaa.
    • Danbii fi haaldureewwan kaneen yoo hin fudhanne filannoowwan dhihaatan keessaa haqi isa jedhu dhiibaa.
    • Danbiiwwanii fi haaldureewwan akka dubbiftaniin,  akka hubattanii fi fudhattanitti lakkaawama.
    • “Fudhadhaa” isa jedhu yemmuu dhiibdan danbii fi haaldureewwan dubbisuun hubattanii kabajuuf walii galuu keessan akka mirkaneessitaniin ykn kafaltii duubee fayyadamuuf akka walii galtanitti fudhatama.
    • Danbii fi haaldureewwan karaa Itiyoo telekoomii yeroo gara yerootti fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’an yoo ta’u, guyyaa beekamerraa kaasee hojiirra ni oola.
    • Tajaajila kafaltii liqii karaa elektiriikawaa Itiyoo telekoom waliin hojeessuu fi tajaajila kafaltii duubee karaa elektiriikawaa karaa sirna teeleebirrii fayyadamuuf walii galtaniittu.
  1. Tajaajila liqii jalqabsiisuuf

Itiyoo telekoomii waliin tajaajila liqii jalqabsiisuuf yoo xinnaate-

    • Umuriin waggaa 18 ol ta’uu qaba.
    • Siim kaardii Itiyoo telekoomii hojjetu qabaachuu.
    • Tajaajiloota teeleebirrii fi Itiyoo telekoomii kanneen akka deetaa/moobaayilii/ ergaa barreeffamaa gabaabaa kanneen fayyadaman.
    • Maamila teeleebirrii ta’anii baatii 3 fi kanaa ol kan fayyadaman.
    • Galmaa’uuf USSD (*127#) ykn fayyadama (application) teeleebirrii fayyadamuu ni danda’u.
    • Galmaa’uu keessaniif ergaan barreeffamaa gabaabaa isin qaqqaba.
  1. Ulaagaalee bu’uraa tajaajila liqii teeleebirri malaa argachuuf dandeessisan.
    • Dandeettiin liqeeffachuu maamilaa, sochii maallaqaa teeleebirrii baatii 6 keessatti taasisee fi fayyadama telekoomiin murtaa’a.  Bittaa fi gurgurtaan teeleebirrii fi sochiin maallaqaa dandeettii liqeeffachuu maamilaa erraguuf gargaara.
    • Ofiif ykn kennaadhaan moobaayilii guutuu ykn qarqaba bituu  ( dandeettii ofiin ykn bakka bu’ootarra).
    • Meeshaa ykn tajaajila bituun bittaa fi gurgurtaa raawwachuu.
    • Kafaltii biilii keessan ykn kan maamilaa raawwachuu  (dandeettii ofiin ykn bakka bu’ootarra).
    • Kafaltii tajaajilaa isiniif ykn maamila biraaf (dandeettii ofiin ykn bakka bu’ootarra)
    • Maallaqa biyya alaarraa ergame fudhachuu.
    • Kafaltii jimlaa (mindaa, seeftiineetii…)
    • Kafaltii tikeettii
    • Maallaqa sassaabuuf kafaltii gargaarsaa.
    • Tajaajila qusannaa.
    • Kafaltii telekoomii  (bilbila, deetaa ykn ergaa).
    • Maamiltoonni ga’umsa qabaachuuf kafaltii telekoomiin alatti tajaajila teeleebirrii fayyadamuu qabu.
  1. Amma liqii fi kafaltii
    • Baay’ina liqii eeyyamamu xiqqaa fi guddaa jidduu jiru amma barbaaddan liqeeffachuu ni dandeessu.
    • Baay’ina liqii gaafattan akka argattaniin erraga keessan teeleebirrii muummee  (eenyummeessaa maallaqa elektirooniikii) irratti galii taasifama.
    • Liqii biraa argachuuf liqii duraan fudhattan kafaluun isinirraa eegama.
    • Liqii isinirra jiru gartokkee ykn guutuusaa kafaluu ni dandeessu.
    • Guyyaan liqiin itti deebi’u guyyoota 90 keessatti raawwata.
    • Liqii keessan guyyoota 30 keessatti yoo kafaltan kafaltii tajaajilaa %10 kafaltu.
    • Guyyoota 30 booda kan kafaltaniif guyya guyyaatti kafaltii adabbii %5 kafaltu.
    • Baay’inni liqii guyyoota 30 keessatti hin deebine battalatti erraga teeleebirrii irraa hir’ifama.
    • Maallaqni kennaan argattan kafaltii liqiif hin oolu.
    • Tajaajilli liqii kun kan kennamu Itiyoo telekoom baankii Daashan waliin wal ta’uuni. Maallaqni tajaajila liqiif oolu baankii Daashaniin kan dhihaatu yoo ta’u, abbummaan kan to’atus baankii Daashani. Liqiin babbade wayita quunnamu baankichi dhimma kana gara mana murtee idilee fudhachuu fi himachuuf mirga guutuu qaba.