Teeleebirrii akka borsaa koo
    • Akaakuun tajaajilaa kun maamiltoonni teeleebirrii baay’inni maallaqa isaan hafuu wayita ga’aa hin taane  karaa eenummeessaa teeleebirrii  tajaajila liqii akka argatan kan dandeessisudha.
    • Maamiltoonni baay’ina liqii eeyyamamu xiqqaa fi guddaa jidduu jiru amma barbaadan liqeeffachuu ni danda’u.

Ulaagaalee tajaajila teeleebirrii akka borsaa koo argachuuf dandeessisan

  • Dandeettiin liqeeffannaa maamiltootaa sochii maallaqaa teeleebirrii maamilli tokko baatii 6 darban taasisee fi itti fayyadama telekoomiin murtaa’a.
  • Kana malees bittaa fi gurgurtaan teeleebirrii fi sochiin maallaqaa dandeettii liqii maamilaa erraguuf ni oola.
    • Isiniif ykn kennaadhaan moobaayilii guutuu (Ofdanda’uun ykn bakka bu’ootarraa).
    • Bittaa meeshaa ykn tajaajilaa raawwachuu.
    • Kafaltii biilii ofii keessaniif ykn maamila biraaf  ((Ofdanda’uun ykn bakka bu’ootarraa)) raawwachuu.
    • Kafaltii tajaajila nyaataaf oolu isiniif ykn maamila biraaf (Ofdanda’uun ykn bakka bu’ootarraa) raawwachuu.
    • Maallaqa biyya alaarraa ergame fudhachuu.
    • Kafaltii jimlaa  (Mindaa, seeftiineetii …) raawwachuu.
    • Kafaltii tikeetii raawwachuu.
    • Tajaajila qusannaa
    • Kafaltii telekoomii (Bilbila, deetaa ykn ergaa ) raawwachuu.
  • Kafaltii tajaajila telekoomiin alas yoo xinnaate tajaajila teeleebirrii tokko fayyadamuu qabdu.Bittaa fi gurgurtaan ykn fayyadamni baatii 6 ga’umsaaf akka ulaagaatti ni lakkaa’ama.
    • Baay’ina liqii xiqqaa fi guddaa eeyyamamu jidduu jiru amma barbaaddan liqeeffachuu ni dandeessu.

 

Ulaagaalee Teeleebirrii akka borsaa koo jalqabsiisuuf dandeessisan

  • Umuriin waggaa 18 fi kanaa ol ta’uu qaba.
  • Siim kaardii Itiyoo telekoomii tajaajila kennu qabaachuu.
  • Tajaajiloota teeleebirrii fi Itiyoo telekoomii /deetaa, bilbila,ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuu qabdu.
  • Galmaa’uuf lakkoofasa gabaabaa (*127#) ykn  fayyadama (application) teeleebirrii fayyadamaa.
  • Teeleebirriitti fayyadamuu erga jalqabdanii baatii 3 fi kanaa ol ta’uu qabdu.

Ulaagaalee kanneen fayyadamuun qabxiin akkamitti akka hojjetamu

Skooriing Baand Reenj

Daangaa baay’ina liqii

Inni xiqqaan Inni guddaan Inni xiqqaan Inni guddaan

0

650

 

 

 

0

 

 

 

0

651

660

671

680

681

690

691

700

701

710

711

720

721

730

 

 

 

 

 

 

1

5

731

740

50

741

750

100

751

760

200

761

770

300

771

780

400

781

790

500

791

800

600

801

810

700

811

820

800

821

830

1000

831

840

1200

841

850

1500

851

860

1500

Karaa Fayyadama moobaayilii (application) Teeleebirrii attamittan tajaajila kana jalqabsiisuu fi fayyadamuu danda’a?

  • Tajaajila faayinaansii isa jedhu dhiibaa.
  • Teeleebirrii akka borsaa koo isa jedhu filadhaa.
  • Danbii fi haaldureewwan dubbisaatii mallattoodhiibaatii fudhachuu keessan ibsaa.
  • Jalqabsiisuuf isa jedhu dhiibaa.

Tajaajila kanatti fayyadamuuf

  • Maallaqni isin hafu xiqqaa ta’ee tajaajiloota addaddaa yemmuu fayyadamtan kafaltii liqii isin qaqqabuuf fayyadamuu akka barbaaddan yemmuu gaafatamtan fudhachuu keessan ibsaa.

 

Liqii fudhattankafaluuf

  • Eenyummeessa keessan teeleebirrii irra maallaqa galchaa.

  1. Walii galtee

Walii galteen kun  (kana booda  "danbiiwwanii fi haaldurewwan" kan jedhamu) tajaajila kafaltii liqii ilaalchisee danbiiwwanii fi haaldureewwan walii galaa ofkeessatti qabata.

Danbiiwwanii fi haaldureewwan kunnen akkasumas fooya’insoonnii fi jijjiiramoonni kanaan wal qabatan maamila nama liqeeffatuun dubbifamanii wayita fudhatama argatan  (filmaata fudhadhaa jedhu yemmuu dhiibdan) hojiirra ni oola.

2.Hiika

Jechoonnii fi jechamoonni  odeeffannoo danbiiwwanii fi haaldureewwan kana keessatti tarreeffaman hiika armaan gadii ni qabaatu.

  •  “Tajaajila kafaltii liqii teeleebirrii akka borsaa koo” jechuun akaakuu tajaajilaa maamilli dhuunfaan karaa maallaqa elektirooniiksii liqii xiqqaa ittin argatudha."
  • “Kafaltii liqii” jechuun akkaataa danbii fi haaldureewwan armaan gaditti ibsamaniin tajaajila liqii Itiyoo telekoomiidhaan  maamiltootaaf dhihaatudha.
  • “Maamila dhuunfaa ” jechuun maamila teeleebirrii maqaa isaatiin eenyummeessaa qusannaa xiqqaa qabudha.
  • "sihi" (dhiira, dubartii) ykn  "kan kee" jechuun maamila jechuudha.
  • “E-maallaqa” jechuun maallaqa callaa baay’ina walgitu qabu kan bakka bu’u gatii maallaqaa teeleebirrii elektirooniiksii maamilli ilaaludha.
  • "Baay’ina muummee"jechuun baay’ina liqii jalqaba ka’umsaaf Itiyoo telekoom irraa fudhatamedha.
  • “Maamila” jechuun eenyummeessaa kafaltii teeleebirriif oolu maqaa isaatiin
  • "sihi"(dhiira, dubartii) ykn  "kan kee" jechuun  maamila jechuudha.
  • "Maallaqa muummee" jechuun baay’ina mallaqaa jalqaba liqii fudhattan jechuudha.
  • "Kafaltii bittaa fi gurgurtaa" kafaltii tajaajilaa, kan addabbii fi kafaltiiwwan tajaajila kafaltii liqiif kafalaman ofkeessatti qabata.
  • Kafaltii tajaajilaa, adabbii fi kafaltiiwwan tajaajila kafaltii liqii of keessatti qabata.
  • “Kafaltii tajaajilaa” jechuun baay’ina kafaltii tajaajila kafaltii liqii maamiltootaan kafalamudha.
  • "Kafaltii adabbii" jechuun baay’ina kafaltii dabalataa guyyaan kafaltii liqii erga darbee booda kafalamudha.
  • "Guyyaa kafaltii xumuraa" jechuun  guyyaan kafaltii liqii itti raawwatu ta’uu kan argisiisu yemmuu ta’u, guyyaa liqiin itti kennamee eegalee guyyoota 30 kan ofkeessatti qabatudha.
  • "Liqii babbade " jechuun guyya liqiin itti kennamee kaasee guyyoota 90 keessatti kan hin kafalamne yemmuu ta’u, yeroosaatti waan hin deebineef  liqii babbadee ta’uu kan agarsiisudha.
  1. Danbii fi haaldureewwan fudhachuu
  • Tajaajila kafaltii liqii fayyadamuuf osoo hin iyyatiin dura dandii fi haaldureewwan kanneen ofeeggannoon dubbisuun erraga itti fayyadamaa fi qajeelfama kafaltii liqii dubbisaatii fudhadhaa.
  • Danbii fi haaldureewwan kanneenitti yoo walii hingalle tarreeffama filannoo keessaa haqi isa jedhu dhiibaa.
  • Danbiiwwanii fi haaldureewwan akka dubbiftaniin, akka hubattanii fi akka fudhattanitti lakkaawama.
  • Filannoo “Fudhadhaa” jedhu yemmuu dhiibdan danbii fi haaldureewwan dubbisuun hubattanii kabajuuf walii galuu keessan akka mirkaneessitan ykn kafaltii liqii fayyadamuuf akka walii galtanitti fudhatama.
  • Danbii fi haaldureewwan karaa Itiyoo telekoomii fi Baankii Daashanii yeroo yerootti fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’an yemmuu ta’u, guyyaa poortaalii teeleebirrii ykn marsariitii irratti gadlakkifamee kaasee maamilarratti ni hojjeta.
  • Tajaajila kafaltii liqii karaa mala elektirooniksii Itiyoo telekoom waliin hojeessuuf fi tajaajila kafaltii liqii karaa mala elektirooniikii karaa sirna teeleebirrii fayyadamuuf walii galtaniittu.
  1. Tajaajila kafaltii liqii jalqabsiisuuf

Tajaajila kafaltii liqii Itiyoo telekoomii waliin jalqabsiisuuf yoo xinnaate,

  • Umuriin waggaa 18 ol ta’uu qaba.
  • Siim kaardii Itiyoo telekoomii tajaajila kennu qabaachuu barbaachisa.
  • Tajaajiloota teeleebirrii fi Itiyoo telekoom kanneen akka deetaa/bilbila/ ergaa barreeffamaa gabaabaa kan fayyadaman.
  • Turtiin maamiltummaa teeleebirrii baatii 3 fi kanaa ol ta’uu qaba.
  • Galmaa’uuf karaa USSD (*127#) ykn karaa fayyadama teeleebirrii gargaaramuu ni dandeessu.
  • Galmaa’uu keessaniif ergaan barreeffamaa gabaabaa isin qaqqaba.
  1. Ulaagaalee bu’uraa tajaajila kafaltii liqii argachuuf gargaaran
  • Dandeettiin liqeeffachuu maamiltootaa kan murtaa’u guyyaa tajaajila kafaltii liqii fayyadamuuf galmaa’aniin dura bittaa fi gurgurtaa teeleebirrii fi itti fayyadama telekoomii baatii 6 keessatti taasiseeni. Bittaa fi gurgurtaan teeleebirrii sochiin maallaqaa armaan gaditti tarreeffaman dandeettii liqii maamilaa erraguuf ni gargaaru.
  • Ofookeessaniif ykn kennaadhaan moobaayilii guutuuf ykn qarqaba bitachuu(ofdanda’uun ykn bakka bu’ootarraa).
  • Meeshaa ykn tajaajila bituun bittaa fi gurgurtaa raawwachuu.
  • Biilii keessan ykn kan maamila biraa kafaluu(Ofdanda’uun)
  • Kafaltii tajaajilaa ofiikeessaniif ykn maamila  biraaf (Ofdanda’uun)
  • Maallaqa buiyya alaarraa ergame fudhachuu.
  • Kafaltii jimlaaየ (mindaa, seeftiineetii…)
  • Kafaltii tikeetii.
  • Kafaltii deeggarsa maallaqa walitti qabuu.
  • Tajaajila qusannaa.
  • Kafaltii telekoomii (bilbila, deetaa ykn ergaa)
  • Kafaltii tajaajila telekoomiin alas yoo xinnaate tajaajila teeleebirrii tokkofayyadamuu qabdu.
  • Bittaa fi gurgurtaan ykan fayyadamni baatii 6 tajaajila kana fayyadamuuf ga’aa nama taasisa.
  1. Baay’inaa fi kafaltii Liqii
  • Baay’ina liqii isa xiqqaa fi guddaa jiru amma barbaaddan liqeeffachuu ni dandeeessu.
  • Liqii biraa argachuuf liqii jalqaba fudhattan kafaluu qabdu.
  • Liqii isinirra jiru gartokkee ykn guutuu kafaluu ni dandeessu.
  • Guyyaan liqiin itti deebi’u guyyaa liqii fudhattan irraa kaasee guyyaa 30 keessatti ta’a.
  • Liqii guyyaa 30 ofirraa qabdan guyyaa tokko keessatti yoo kafaltan baay’ina liqii fudhattanii %60 yemmuu ta’u sakaa booda yemmuu kafaltan kafaltii tajaajilaa guyyaatti %.138  kafaltu.
  • Guyyaa 30 booda kan kafaltaniif baay’ina liqii fudhattan ykn gartokkeen kafalamee maallaqa hafe irratti kafaltii adabbii guyyaatti %5 akka kafaltan taasifama.
  • Kafaltin liqii kan raawwatamu baay’ina maallaqa kamiyyuu gara eenyummeessaa E-maallaqaatti galii yemmuu ta’u kallattiin hir’isuuni.
  • Maallaqni dabalataan argattan kafaltii liqiif hin oolu.
  • Tajaajilli liqii kun kan kennamu Itiyoo telekoomiin baankii Daashan waliinwal ta’uuni. Maallaqani tajaajil;a liqiif oolu baankiin Daashan kan dhiheessu yoo ta’u, kan to’atus isuma. Liqiin babbade ykn guyyaan itti darbe yemmuu mudatu baankichi dhimma kana gara mana murtee fudhachuu fi himachuuf mirga guutuu qaba. Filmaata mana murtee ala jiranis fayyadamuuf mirga qaa.