Maallaqa kaawwachuu

Bittaa fi gurgurtaa raawwattan keessatti maallaqa harkatti qabachuu nuffitaniittuu?

Maallaqa callaa qabdan gara maallaqa elektirooniiksii wal gita ta’eetti jijjiiruun, Kaffaltiiwwan ji’oota adda addaa akkasumas wayita bittaa raawwattanis ta’e maallaqa erguuf 24/7 kallattiin karaa biilbila moobaayilii keessanii raawwachuu ni dandeeessu.
  • telebirrin maallaqaa keessan gara maallaqa elektirooniiksii wal gita ta’eetti jijjiiruuf kan isin dandeessisu yemmuu ta’u, kun immoo eenyummeessaa (account) keessan teeleebirrii ykn baay’ina maallaqaa boorsaa keessanii isiniif dabala.

  • Maallaqa keessan callaa al tokko gara eenyummeessaa Teeleebirrii erga galchitanii booda maallaqa gara maamiltoota keessan birootti dabarsuu, baasii keessan itti tajaajilamtan kafaluu, kafaltii asbeezaa fi shaqaxoota addaddaa kafaluuf k.k.f. maallaqa elektirooniksii kafaluuf isin dandeessisa.

Maallaqa Attamitti Teeleebirrii keessa kaawwachuun danda’ama?

  • Gara bakka bu’aa teeleebirrii ykn giddu galawwan gurgurtaa Itiyoo telekoom isinitti dhihoo jiru deemuun.

  • Maallaqa callaa bakka bu’aaf ykn bakka bu’aa gurgurtaa Itiyootelekoomiif kennuudhaan,

  • Bakka bu’aan kun maallaqa callaa kana fudhatee  gara eenyummeessaa teeleebirrii elektirooniksii wal gita ta’eetti isiniif dabarsa.
  • Maalaqni kun gara eenyummeessaa keessaniitti darbuu isaatiif ergaan isin qaqqaba.

Yookaan

Eenyuummeessaan keessaan kan baankii teeleebirrii waliin kan walitti hidhame yoo taé kallattiidhaan herrega baankii keessan irraa gara eenyummeessaa teeleebirrii keessanitti dabarsuu ni dandeessu.

  • Fayyadama moobaayilii eenyummeessaa baankii keessan ykn lakkoofsa gabaabaa (USSD) banadhaa.
  • ‘Gara teeleebirriitti dabarsuuf’ isa jedhu filadhaa,
  • Itti aansuun lakkoofsa bilbilaa fi hamma maallaqicha galchaa

  • Lakkoofsa iccitii baankii  (PIN) fayyadamuun maallaqa dabarsuu keessan mirkaneeffadhaa.