Malaa(Liqii Xiqqaa)

Akaakuun tajaajila kanaa namoota dhuunfaa fi daldaltootaaf/bakka bu’oonni daldala xiqqaa/biizinasii akka jalqaban ykn daldala isaanii akka babal’ifatan karaa maallaqa elektirooniiksii liqii xiqqaa kan itti argatanidha.

Dynamics pricing for mela credits

Weekly
Monthly
Credit Amount Access fee Daily fee Daily penality fee
Credit Amount Access fee Daily fee Daily penality fee
Min Max
Min Max
100 5000 1% 0.35% 0.50%
100 10000 3% 0.35% 0.50%
4000 0.40%
8000 0.40%
3000 0.85%
6000 0.65%
2000 1.05%
2500 0.85%
1000 1.10%
1000 1.05%
100 1.20%
200 1.20%

Qaqqabiinsi qaama tajaajila malaa teeleebirrii keessaa isa tokko yoo ta’u, hojjettoota mootummaa fi dhuunfaa mindaa isaanii karaa teeleebirrii fudhatanii liqii akka argatan kan dandeessisudha.

photo_2022-08-26_14-27-09

Mela Medaresha

Product

Minimum

Maximum

Facilitation fee

Credit amount

1000

36000

 

Due date

After 90 days/ 3-Months

 

Repayment schedule

Installment based (Per Month)

 

 

After due date (90 days)

 

0.5% per day

 

Yaadannoo–

  • Daangaan Liqii  Birrii 1,000 amma  Birrii 36,000 .

Guyyaa itti deebifamu guyyoota 90 booda ta’a

Qaqqabiinsa Malaa karaa tajaajila fayyadama (application) teeleebirrii fayyadamuu

  1. Tajaajila faayinaansii  filadhaa.
  2. Teeleebirr Malaa  filadhaa.
  3. Qaqqabiinsa Malaa filadhaa
  4. Daangaa liqii ilaalaa.
  5. Liqii gaafadhaa  isa jedhu  filadhaa.
  6. Baay’ina birrii galchaatii  Ilaalaa  isa jedhu cuqaasaa.
  7. Xumuruuf  Mirkaneessaa isa jedhu cuqaasaa

Lakkoofsa gabaabaa Gara  *127# tti bilbiluu

  1. Gara *127#tti  bilbilaa
  2. Tajaajila dhimma faayinaansiif lakkoofsa 1 galchaa.
  3. Teeleebirr malaaf lakkoofsa 1 galchaa.
  4. Liqii fudhachuuf lakkoofsa tokko filadhaa.
  5. Gara baafata itti aanuu deemuuf  (#) , itti aansuun qaqqabiinsa baatii 3 filachuuf lakkoofsa 4 galchaa.
  6. Baafata itti aanuun (#) , liqii amma barbaaddan galchaa.
  7. Mirkaneessuuf lakkoofsa 1 galchaa.

 

 

  • Hojjettoonni tajaajila liqii qaqqaa argachuuf jalqaba walii galtee raawwachuu qabu.
  • Hojjettoonni guyyoota 90 keessatti liqii yoo deebisan kafaltiin tajaajilaa %10 ta’a.
  • Guyyaa kafaltii daangeffamee booda maamiltoonni kafaltii hafe irraa %5 guyya guyyaatti akka kafalan taasifama.
  • Mindaan isaanii karaa teeleebirrii galii yemmuu taasifame kafaltiin deebi’u battalatti hir’ifama/ni raawwatama.
  • Hojjettoonni % 30 mindaa isaanii liqeeffachuu ni danda’u.
  • Kafalaan/dhaabbanni qaxare fi hojjettoonni mindaa isaanii karaa teeleebirrii fudhachuuf walii galtee taasisuu qabu.
  • Hojjettoonni tajaajila liqii qaqqabiinsaa argachuuf mindaa isaanii yeroo (baatii )sadiifkaraa teeleebirrii fudhachuu qabu.
  • Walii galteen kontiraataa wayita mallatteeffamu mindaa isaanii % 30 liqii akka fudhatan ni dandeessisa.
  • Liqiin kun baatii tokko keessatti kan kafalamudha.
  • Dhaabbanni qaxare/kaampaanichi kafaltiin mindaa hojjettootaa karaa teeleebirrii kafaalu akka itti fufu mirkaneessuun akkasumas kontiraata wayita addan kutu baatii tokko duraItiyoo telekoomiif beeksisuu qaba.

    • Waggaa 18 fi isaa ol.
    • Siim kaardii Itiyoo Telekoomii tajaajila kennu qabaachuu.
    • Tajaajiloota Teeleebirrii fi Itiyoo telekoomii kanneen akka deetaa,sagalee, ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuu qabdu.
    • Galmaa’uuf lakkoofsa gabaabaa  (*127#) ykn fayyadama(application) teeleebirriitti fayyadamaa.
    • Turtiin fayyadama maamiltummaa teeleebirrii baatii 3 fi kanaa ol ta’uu qaba.

    Tajaajila kana karaa fayyadama moobaayilii teeleebirrii attamittin jalqabsiisuu fi itti fayyadamuu danda’a?

Karaa Fayyadama moobaayilii (application) Teeleebirrii attamittan tajaajila kana jalqabsiisuu fi fayyadamuu danda’a?

Tajaajila jalqabsiisuuf

  • ’Tajaajila faayinaansii’ isa jedhu cuqaasaa.
  • ‘Teeleebirri malaa’ isa jedhu filadhaa-danbii fi haaldureewwan dubbisuun mallattoo √ dhiibuun walii galuu keessan ibsaa.

‘Jalqabsiisuuf’ isa jedhu dhiibaa

Liqii fudhachuuf

  • Teeleebirri malaa isa jedhu jalaa kontiraata barbaaddan filadhaa.
  • Daangaa keessan liqii fi tarreeffama danbiiwwanii ilaalaa.
  • ‘Liqii gaafadhaa’ isa jedhu filadhaa.
  • Amma liqii barbaaddanii galchaa.
  • ‘Ilaalaa’ isa jedhu dhiibaa.

‘Mirkaneessaa’ isa jedhu dhiibaatii xumuraa

Liqii kafaluuf

  • Teeleebirri malaa isa jedhu jalaa ‘teeleebirrii malaa koo’ isa jedhu filadhaa.
  • Kontiraata barbaaddan filadhaa.
  • Tarreeffama walii galtee jalaa ‘kafalaa’ isa jedhu dhiibaa.
  • Baay’ina birrii kafaltanii galchaa(hunda ykn gartokkee)
  • ‘Mirkaneessaa’ isa jedhu dhiibaatii xumuraa.

Maamiltoota dhuunfaaf

  • Umriin isaanii waggaa 18 fi kanaa ol
  • Bittaa fi gurgurtaan maamilli tokko baatii 6 keessatti raawwate, kana jechuun,
    • Moobaayilii guuttachuu fi qarqaba bituu,
    • Itti fayyadama tajaajiloota Itiyoo telekoomii  (sagalee, barreeffama gabaabaa fi deetaa,
    • Yeroo tutii cimdaa Itiyoo telekoomi,i
    • Oomishootaa fi tajaajiloota bituu, kafaltiiwwan tajaajilaa kan baatii raawwachuu,
    • Kafaltii galii walitti qabuuu,
    • Maallaqa erguuf,
    • Maallaqa kaa’uuf,
    • Maallaqa baasuuf,
    • Maallaqa biyya alaarraa ergame fudhachuu,
    • Al tokkotti kafaltiiwwan hedduu raawwachuu,  (mindaa, seeftiineetii..),
    • Tikeettii bitachuu,
    • Haala liqii kanaan duraa, k.k.f tilmaama keessa ni galu.
  • Maamilli tokko liqii xiqqaa kanaan dura fudhate yoo hin deebifne liqeeffachuu hin danda’u.
  • Maamilli liqiin xiqqaa, moobaayilii guuttatee fi liqii tajaajila Itiyooteelii irra jiru tajaajila liqii xiqqaaf ga’aa miti.

  1. Waliigaltee
    1. Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee waamamu) tajaajila liqii teleebirii ilaalchisee haalawwanii fi dambiiwwan waliigalaa of keessaa qaba.
    2. Haalawwanii fi dambiiwwan kun, akkasumas fooyya’iinsi fi jijjiiramni isaan waliin walqabatu kamiyyuu, maamila liqiitiin yeroo dubbifamee fudhatama argatu (filannoo Fudhadhu cuqaasuun) hojii irraa oolu.
  2. Hiikkaa

Jechoonni fi ibsitoonni Haala fi Dambiiwwan kana keessatti fayyadaman hiika armaan gadii qabu:

  • "Tajaajila liqii Teleebirrii Malaa" jechuun gosa tajaajilaa maallaqa elektirooniksiitiin liqii xiqqoo argachuun daldala dhunfaa/daldala xixiqqaa keessan jalqabuu ykn babal'isuu dandeessu jechuudha.
  • "Tajaajila Liiqii Teleebirrii Malaa Maddaarashaa" jechuun tajaajila liqii mindaan isaanii karaa Telebirii dhaan kaffaalamuuf hojjettoota dhuunfaa fi mootummaa, akkaataa dambii fi tumaalee armaan gaditti ibsamaniin Itiyoo-teleekoomiin karaa tajaajila Teleebirii Baankii Daashinin kan dhiyaatu dha.
  • "Tajaajila Liqii" jechuun akkaataa dambii fi tumaalee armaan gaditti ibsamaniin tajaajila liqii Baankii Daashin karaa tajaajila Teleebirii Itiyoo-teleekoom maamiltoota dhuunfaaf kennu jechuu dha.
  • "Maamila Dhuunfaa" jechuun maamila maqaa isaatiin lakkoofsa herrega teleebirii Tajaajila liqii Teleebirii Malaa jedhamutti galmaa'e jechuudha.
  • “Maallaqa Elektirooniksii” jechuun gatii maallaqa elektirooniksii Teleebirrii maamilichi ilaallatu, maallaqaa callaa walqixa ta’e bakka bu’a jechuudha.
  • “Kanfaltii Tajaajilaa” jechuun kanfaltii Maamiltoonni Tajaajila Kanfaltii Liqii fayyadamuu isaaniif kaffalan jechuudha.
  • "Kaffaltii Adabbii" jechuun kaffaltiin dhumaa liqii tokkoof yeroon isaa darbu maallaqa kaffaltii dabalataa kan kaffalamu jechuu dha.
  • "kan yeroon irra darbe" jechuun bu'aan liqii yeroon isaa darbe jechuudha.
  • "Liqii badaa" jechuun liqii guyyaa liqiin kenname irraa eegalee guyyoota 90 keessatti hin deebine fi sababa kaffalamuu dhabuutiin liqii badaa ta'ee kan ilaalamu jechuu dha.
  1. Haalawwanii fi Dambiiwwan Fudhachuu.
    • Tajaajila liqii Telebirii Maalaa fayyadamuuf iyyachuu kessaan dura, haalawwanii fi dambiiwwan kana sirriitti dubbisatii itti fayyadama liqii fi qajeelfama irratti walii gala.
    • Yoo haalawwanii fi dambiiwwan kana irratti walii hin galle, maaloo filaanoo bu’aa irraa diduu isa jedhu cuqaasaa;
    • Haala fi Dambiiwwan akkaa dubbistan, hubattan fi fudhattanitti kan fudhatamu:
      • “Waliigaluu” jedhu cuqaasuun, Haalawwanii fi Dambiiwwan dubbisuu, hubachuu fi walii galuu kessaan ykn Kaffaltii Liqii fayyadamuuf walii galuu kessaan akka mirkaneessiteetti fudhatama.
    • Haalawwanii fi tumaaleen yeroo yerootti Itiyoo-teleekoom fi Bankiin Daashin fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’an yoo ta’u, guyyaa Poortaalii Telebirii, Applicatinii ykn marsaritii irratti maxxanfaman irraa eegalee maamila irratti hojiirra oola.
    • Tajaajila kaffaltii liqii karaa elektirooniksii Itiyoo-teleekoom waliin hojiirra oolchuuf akkasumas tajaajila kaffaltii liqii karaa elektirooniksii karaa sirna Teleebirii akka fayyadamtan/kaffaluuf walii galtaniittu.
    • Maamilchi maallaqa sana kaayyoo seera qabeessaaf akka itti fayyadamu walii galeerraa.

 

  1. Tajaajila liqii jalqabuuf
    • Tajaajila liqii Itiyoo-telekoom fi Dashin Banki waliin jalqabuuf yoo xiqqaate:
      • Waggaa 18 fi isaa ol
      • Siimi kaardii Itiyoo-teleekoom tajaajila kennu qabaachuu.
      • Tajaajila Teleebirrii fi Itiyoo-teleekoom kanneen akka daataa, sagalee fi ergaa gabaabaa kan fayyadaman
      • Yeroon turtii maamiiluumaa Teleebirrii ji’a 3 fi isaa ol ta’uu qaba
      • Galmaa'uuf USSD (*127#) ykn goochaawwan teleebirii fayyadamuu ni danda’u.
      • Ergaan barreeffamaa gabaabaa galmee milkaa’aa ta’uu isaa isin beeksisa.
  1. Tajaajila liqii Teleebirii Malaa argachuuf ulaagaalee bu'uuraa.
    • Dandeettiin liqii maamilaa guyyaa maamilchi tajaajila kaffaltii liqii fayyadamuuf gaaffii dhiheesse dura sochii faayinaansii teleebirii ji’a 6 fi itti fayyadama telekoomiitiin murtaa’a. kan armaan gadii daldala teleebirii fi jijiiraa maallaqa dandeettii liqii maamila tokkoo murteessuuf kan ooludha.
      • Yeroo qilleensaa ykn paakeejii ofiif ykn kennaadhaaf bituu (ofiin/bakka bu’aa irraa);
      • Bittaa Meeshaalee ykn tajaajila raawwachuu
      • Kaffaltii biilii ofiif ykn maamila biraatiif (ofin/karaa bakka bu’a).
      • Kaffaltii tajaajila fayyadamaa ofiif ykn maamila biraatiif (ofin/ karaa bakka bu’aa)
      • Maallaqa biyya alaa irraa fudhachuu
      • Kaffaltii waliigalaa (mindaa, Gargaarsa…...)
      • Kaffaltii tikkeettii
      • Kaffaltii gargaarsa maallaqa walitti qabuu
      • Tajaajila qusannoo
      • Maallaqa erguu
      • Fayyadama teleekoomii (sagalee, daataa ykn ergaa).
    • Maamiltoonni ulaagaa guutuuf tajaajila teleekoom dabalatee tajaajila teleebirii fayyadamuu qabu.
    • Haa ta’u malee, tajaajila liqii guutuu teleebirii argachuuf ulaagaaleen armaan olitti qabxii 1 fi 2 irratti ibsaman guutamuu kan qaban ta’us, liqii Malaa Madaarashaa argachuuf karaa teleebirii mindaa ji’aa argachuun gahaadha.
  2. Hanga liqii fi kaffaltii
    • Hanga liqii xiqqaa fi guddaa murtaa’ee gidduu jiru kamiyyuu liqeeffachuu ni dandeessu.
    • Maallaqa liqii gaafattan akkuma argattan herrega teleebirii keessan isa hadhoo (herrega elektirooniksii-maallaqaa) keessanitti ni galfama.
    • Liqii biraa argachuuf jalqaba liqii duraan fudhataan kaffaluu qabdu.
    • Liqii isiin irraa jiruu hunda ykn gar-tokkoon isaa kaffaluu dandeesu.
    • Gosa liqii irratti hundaa’uun yeroon xumuraa liqii deebisuu guyyaa liqii fudhatan irraa eegalee guyyaa 1, guyyaa 7 fi guyyaa 30 ta’a.
    • Liqii keessan kan guyyaa tokkoo osoo guyyaan kaffaltii isaa hin dabrin yoo kaffaltan ,gatii tajaajilaa 1% hamma liqeeffatanii kaffaltu
    • Liqii keessan kan torbanii osoo guyyaan kaffaltii isaa hin dabrin yoo kaffaltan ,guyyaa liqeeffattan jalqabaatti gatii tajaajilaa 1% hamma liqeeffatanii kaffaltu dabalataan guyyoota hafaniif kaffaltii tajaajilaa 0.35% hanga 1.2 % hamma liqeeffattanii kaffaltu
    • Liqii keessan kan Ji’aa osoo guyyaan kaffaltii  isaa hin dabrin yoo kaffaltan ,guyyaa liqeeffattan jalqabaatti gatii tajaajilaa 3% hamma liqeeffatanii kaffaltu dabalataan guyyoota hafaniif kaffaltii tajaajilaa 0.3% hanga 1.2 % hamma liqeeffattanii kaffaltu
    • Liqiin Malaa Maddaarashaa yeroo tokkotti fudhatame ji’oota sadii walitti aansuun kaffalamuu qaba. Maallaqni liqii ji’a sadiif shallagame sirritti ji’a sadii keessatti yoo deebi’e kaffaltiin tajaajilaa maallaqa liqii keessaa dhibbeentaa 10 ni kaffalama.
    • Liqii keessan guyyaa itti kaffalamuu qabu keessatti yoo hin deebisne, yeroo kafaltii dhumaa irraa kaasee maallaqa ofirraa qabdan irraatti guyyaa guyyaan 0.5% kan shallagamu kafaltii adabbii ni kafaltu. Garuu melaa guyyaaf kaffaltiin liqii maallaqa hin kaffalamiin yerroo dangefamee kessati yoo hin kaffalin haftaan kaffaltii adabbii  liqii  hin kaffalamnee guyyaa guyyaan %2 issin irraa kaffalama.
    • Maallaqni liqii yeroo xumuraa liqii booda hin deebine battalumatti herrega Teleebirii irraa ni hir’ifama, garuu maallaqni bonasii kaffaltii liqiidhaaf hin oolu.
    • Tajaajilli liqii kun Itiyoo-teleekoom fi Baankii Daashin waliin ta’uun kan kennamu ta’uu ibsameera. Maallaqa tajaajila liqiitiif oolu Baankiin Daashin kan kennu yoo ta’u, Baankiin Daashin maallaqa kana qabatee to’ata. Liqiin yoo hin kaffalamiin ykn yeroon isaa darbe yoo ta’e, baankichi dhimmicha mana murtii idileetti geessuun himachuuf mirga guutuu qaba. Filannoo mana murtiin ala ta’etti fayyadamuuf mirga qaba Maallaqa liqaa hin deebi’in hafee dabalatee herrega qusannaa baankii Dashen keessan irraa hir’ifama