Malaa(Liqii Xiqqaa)

Akaakuun tajaajila kanaa namoota dhuunfaa fi daldaltootaaf/bakka bu’oonni daldala xiqqaa/biizinasii akka jalqaban ykn daldala isaanii akka babal’ifatan karaa maallaqa elektirooniiksii liqii xiqqaa kan itti argatanidha.

Weekly
Monthly
Credit Amount Access fee Daily fee Daily penality fee
Credit Amount Access fee Daily fee Daily penality fee
Min Max
Min Max
100 5000 1% 0.35% 0.50%
100 10000 3% 0.35% 0.50%
4000 0.40%
8000 0.40%
3000 0.85%
6000 0.65%
2000 1.05%
2500 0.85%
1000 1.10%
1000 1.05%
100 1.20%
200 1.20%

Credit Types

Credit TypeMinimum LoanMaximum LoanPayment PeriodFacilitation FeeDaily FeePenality
Mela Daily1002,0001 Day1% 2%
Mela Weekly1005,0007 Days1%0.35% up to 1.2%2%
Note: all amounts are in ETB

Mela Monthly

Credit amountTariff
Facilitation feeDaily FeePenalty
6003%0.80%0.11%
800 0.75%
1,400 0.70%
3,000 0.67%
6,000 0.62%
8,000 0.58%
10,000 0.50%
12,000 0.30%
Note: all amounts are in ETB

50 Days Credit

Credit amountTariff
Facilitation feeDaily FeePenalty
30006%0.70%0.11%
5,000 0.66%
7,000 0.62%
9,000 0.59%
11,000 0.56%
13,000 0.53%
15,000 0.50%
18,000 0.50%
Note: all amounts are in ETB

Qaqqabiinsi qaama tajaajila malaa teeleebirrii keessaa isa tokko yoo ta’u, hojjettoota mootummaa fi dhuunfaa mindaa isaanii karaa teeleebirrii fudhatanii liqii akka argatan kan dandeessisudha.

photo_2022-08-26_14-27-09

Mela Medaresha

Product

Minimum

Maximum

Facilitation fee

Credit amount

1000

36000

 

Due date

After 90 days/ 3-Months

 

Repayment schedule

Installment based (Per Month)

 

 

After due date (90 days)

 

0.5% per day

 

Yaadannoo–

  • Daangaan Liqii  Birrii 1,000 amma  Birrii 36,000 .

Guyyaa itti deebifamu guyyoota 90 booda ta’a

Qaqqabiinsa Malaa karaa tajaajila fayyadama (application) teeleebirrii fayyadamuu

  1. Tajaajila faayinaansii  filadhaa.
  2. Teeleebirr Malaa  filadhaa.
  3. Qaqqabiinsa Malaa filadhaa
  4. Daangaa liqii ilaalaa.
  5. Liqii gaafadhaa  isa jedhu  filadhaa.
  6. Baay’ina birrii galchaatii  Ilaalaa  isa jedhu cuqaasaa.
  7. Xumuruuf  Mirkaneessaa isa jedhu cuqaasaa

Lakkoofsa gabaabaa Gara  *127# tti bilbiluu

  1. Gara *127#tti  bilbilaa
  2. Tajaajila dhimma faayinaansiif lakkoofsa 1 galchaa.
  3. Teeleebirr malaaf lakkoofsa 1 galchaa.
  4. Liqii fudhachuuf lakkoofsa tokko filadhaa.
  5. Gara baafata itti aanuu deemuuf  (#) , itti aansuun qaqqabiinsa baatii 3 filachuuf lakkoofsa 4 galchaa.
  6. Baafata itti aanuun (#) , liqii amma barbaaddan galchaa.
  7. Mirkaneessuuf lakkoofsa 1 galchaa.

 

 

  • Hojjettoonni tajaajila liqii qaqqaa argachuuf jalqaba walii galtee raawwachuu qabu.
  • Hojjettoonni guyyoota 90 keessatti liqii yoo deebisan kafaltiin tajaajilaa %10 ta’a.
  • Guyyaa kafaltii daangeffamee booda maamiltoonni kafaltii hafe irraa %5 guyya guyyaatti akka kafalan taasifama.
  • Mindaan isaanii karaa teeleebirrii galii yemmuu taasifame kafaltiin deebi’u battalatti hir’ifama/ni raawwatama.
  • Hojjettoonni % 30 mindaa isaanii liqeeffachuu ni danda’u.
  • Kafalaan/dhaabbanni qaxare fi hojjettoonni mindaa isaanii karaa teeleebirrii fudhachuuf walii galtee taasisuu qabu.
  • Hojjettoonni tajaajila liqii qaqqabiinsaa argachuuf mindaa isaanii yeroo (baatii )sadiifkaraa teeleebirrii fudhachuu qabu.
  • Walii galteen kontiraataa wayita mallatteeffamu mindaa isaanii % 30 liqii akka fudhatan ni dandeessisa.
  • Liqiin kun baatii tokko keessatti kan kafalamudha.
  • Dhaabbanni qaxare/kaampaanichi kafaltiin mindaa hojjettootaa karaa teeleebirrii kafaalu akka itti fufu mirkaneessuun akkasumas kontiraata wayita addan kutu baatii tokko duraItiyoo telekoomiif beeksisuu qaba.

    • Waggaa 18 fi isaa ol.
    • Siim kaardii Itiyoo Telekoomii tajaajila kennu qabaachuu.
    • Tajaajiloota Teeleebirrii fi Itiyoo telekoomii kanneen akka deetaa,sagalee, ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuu qabdu.
    • Galmaa’uuf lakkoofsa gabaabaa  (*127#) ykn fayyadama(application) teeleebirriitti fayyadamaa.
    • Turtiin fayyadama maamiltummaa teeleebirrii baatii 3 fi kanaa ol ta’uu qaba.

    Tajaajila kana karaa fayyadama moobaayilii teeleebirrii attamittin jalqabsiisuu fi itti fayyadamuu danda’a?

Karaa Fayyadama moobaayilii (application) Teeleebirrii attamittan tajaajila kana jalqabsiisuu fi fayyadamuu danda’a?

Tajaajila jalqabsiisuuf

  • ’Tajaajila faayinaansii’ isa jedhu cuqaasaa.
  • ‘Teeleebirri malaa’ isa jedhu filadhaa-danbii fi haaldureewwan dubbisuun mallattoo √ dhiibuun walii galuu keessan ibsaa.

‘Jalqabsiisuuf’ isa jedhu dhiibaa

Liqii fudhachuuf

  • Teeleebirri malaa isa jedhu jalaa kontiraata barbaaddan filadhaa.
  • Daangaa keessan liqii fi tarreeffama danbiiwwanii ilaalaa.
  • ‘Liqii gaafadhaa’ isa jedhu filadhaa.
  • Amma liqii barbaaddanii galchaa.
  • ‘Ilaalaa’ isa jedhu dhiibaa.

‘Mirkaneessaa’ isa jedhu dhiibaatii xumuraa

Liqii kafaluuf

  • Teeleebirri malaa isa jedhu jalaa ‘teeleebirrii malaa koo’ isa jedhu filadhaa.
  • Kontiraata barbaaddan filadhaa.
  • Tarreeffama walii galtee jalaa ‘kafalaa’ isa jedhu dhiibaa.
  • Baay’ina birrii kafaltanii galchaa(hunda ykn gartokkee)
  • ‘Mirkaneessaa’ isa jedhu dhiibaatii xumuraa.

Maamiltoota dhuunfaaf

  • Umriin isaanii waggaa 18 fi kanaa ol
  • Bittaa fi gurgurtaan maamilli tokko baatii 6 keessatti raawwate, kana jechuun,
    • Moobaayilii guuttachuu fi qarqaba bituu,
    • Itti fayyadama tajaajiloota Itiyoo telekoomii  (sagalee, barreeffama gabaabaa fi deetaa,
    • Yeroo tutii cimdaa Itiyoo telekoomi,i
    • Oomishootaa fi tajaajiloota bituu, kafaltiiwwan tajaajilaa kan baatii raawwachuu,
    • Kafaltii galii walitti qabuuu,
    • Maallaqa erguuf,
    • Maallaqa kaa’uuf,
    • Maallaqa baasuuf,
    • Maallaqa biyya alaarraa ergame fudhachuu,
    • Al tokkotti kafaltiiwwan hedduu raawwachuu,  (mindaa, seeftiineetii..),
    • Tikeettii bitachuu,
    • Haala liqii kanaan duraa, k.k.f tilmaama keessa ni galu.
  • Maamilli tokko liqii xiqqaa kanaan dura fudhate yoo hin deebifne liqeeffachuu hin danda’u.
  • Maamilli liqiin xiqqaa, moobaayilii guuttatee fi liqii tajaajila Itiyooteelii irra jiru tajaajila liqii xiqqaaf ga’aa miti.

Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee kan waamamudha)

  1. Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee kan waamamudha) haalawwan waliigalaa fi dambiiwwan Tajaajila Liqii mala teleebirri irratti raawwatiinsa qaban of keessaa qaba.
  2. Haalawwanii fi dambiiwwan kun, akkasumas fooyya’iinsi fi jijjiiramni isaan waliin walqabatu kamiyyuu, Tajaajila Liqii Xiqqaa teeleebirri malai irratti raawwatiinsa ni qabaata, Maamilaan dhunfaa yeroo dubbifamee fi fudhatama argate (jaqabsiisuuf )kan jedhu cuqaasuun. 1.  Hiikkaa
Jechoonni fi ibsitoonni Haalawwanii fi Dambiiwwan hiika armaan gadii ni qabatu:-
  • "Baankii Daashiin"jechuun dhaabbata faayinaansii qajeelfama qabu yoo ta'u, Itiyoo teleekoom  waliin ta'uun maamiltoota teeleebirritiif tajaajila liqii xixxiiqqaa mala kennuudha.
  • "Itiyoo telekoom" jechuun dhaabbata kaffaltii raawwachuuf (payment instrument issuer) hayyama qabuu fi tajaajila liqii mala xiixxiqqaa maamila dhunfaa Teelebirrittiif kennu haala mijeessuf baankii Dashiin waliin waliigaltee  taasiseedha.
  • "Baankiin Biyyoolessa Itiyoophiyaa" jechuun, akkaataa labsii lakkoofsa 718/2003 (akkuma labsii lakkoofsa 1282/2015 tiin fooyya'etti) dhaabbata faayinaansii tiif hayyama kennuu fi hojii isaanii to'achuuf aangoo kan qabu dhaabbata dha.
  • teeleebirri" jechuun maqaa daldalaa tajaajila faayinansii dijitala(digital mobile money service) Itiyoo teelekoom yoo ta'u, maamiloonni dhunfaan bilbila mobaayilaa isaanii fayyadamuun tajaajiloota faayinaansii akka argatan kan dandeessisudha.
  • Lakkoofsa Herrega teeleebirrii” " jechuun akkaawuntii maamiloonni dhunfaan tajaajila teelebirri fayyadamani karaa elektirooniksiitiin maallaqa itti qusatan, ittiin erganii fi ittin fudhatanidha.
  • Tajaajila liiqii Maayikiroo faayinaansii Malaa jechuun Baankii Daashiin fi Itiyooteelekoomiin waaliin ta’un kan dhiyaatu ta'ee, maamiloonni dhuunfaa maallaqa elektirooniksiitiin liqii xixxiiqaa  karaa telebirrittin argatan gosa tajaajila liqiiti.
  • "Tajaajila liqii Maayikiroo Malaa Maddaarashaa jechuun hojjettoota dhaabbata dhuunfaa fi mootummaatiif waliigaltee dhaabbilee isaanii waliin taasifamu irratti hundaa'uun, dambii fi haalawwan kanaan karaa telebirrin Baankii daashiin fi Itiyooteelekoom waliin ta'uun tajaajila liqii dhiyeessanidha
  • "Maamila Dhuunfaa" jechuun nama uumamaa ta'ee, maqaa isaatiin Lakkoofsa Herrega teeleebirrii telebirrii kan qabuu fi tajaajila liqii xiqqaa mala telebirrii fayyadamuf kan waliigale jechuudha
  • "Maallaqa Elektirooniksii (e-money)" jechuun gatii maallaqa elektirooniksii qarshii Itiyoophiyaa waliin qixxee kan ta'e, maamilaan kan bulchamu fi Lakkoofsa Herrega teeleebirrii telebirrii maamilaa keessatti kan argamudha.
  • "Isin" yookaan "Kan keessan" jechuun maammila dhuunfaa jechuu yoo ta'u, kunis bakka bu'oota mammila dhuunfaa sanaa ni dabalata.
  • "Nuyi", "Nu" fi "Kan keenya" jechuun Daashiini fi Itiyoo Telekkoom jechuudha
  • "Kaffaltii Tajaajilaa" jechuun tajaajila liqii Mala fudhachuf guyyaa jalqabaa irratti kaffaltii maammila dhuunfaatiin kafalamu jechudha.
  • "Kaffaltii Guyyaa" jechuun hamma liqii hin kaffalamne irratti hundaa’uun, gosa liqii maammilli dhuunfaa fudhate irratti hundaa’ee kaffaltii guyyaa guyyaan raawwatamudha.
  • "Kaffaltii Adabbii" jechuun maammilli dhuunfaa akkaataa waadaa (waliigaltee) galeen maallaqa liqii fudhatee osoo hin kaffaliin yoo hafe, maallaqa kaffaluudha.
  • "Guyyaa Kaffaltii" jechuun guyyaa dhumaa maammilli dhuunfaa liqii fudhate kaffalee xumuruuf irraa
  • "Liqii Badaa" jechuun, guyyaa dhumaa maammilli liqii fudhate kaffalee xumuruu qabu irraa kaasee, guyyoota 90 booda osoo hin kaffalamiin kan hafe jechuudha.
  • "Saalli dhalaa bakka ibsametti saala dhiiraatiif, akkasumas saalli dhiiraa bakka ibsametti saala dhalaatiif ni tajaajila."
  • dhuunfaa jedhu saala dhiiraa fi dhalaa ibsuuf ni tajaajila. Dambiiwwan fi Haalawwan Walii-galtee fudhachuu
  • Tajaajilli liqii xiqqaa mala kun waliigaltee Baankii Daashiin fi Itiyoo-telekoomii gidduu jiruun kan dhiyaate yoo ta'u, qarshicha kan dhiyaate Baankii Daashiini.
  • Tajaajila liqii xiqqaa mala jalqabuuf, maamilichi dhuunfaan lakkoofsa gabaabaa USSD (127#) yookan (supperApp) telebirr fayyadamuu danda'a.
  • Tajaajila liqii mala fayyadamuuf iyyannoo galchuu keessaniin dura, dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee kana of-eeggannoodhaan dubbistanii, hubatanii irratti walii-galuu qabdu.
  • Dambiiwwanii fi haalawwan kanaan yoo walii hin galle, maaloo tarree filannoo keessaa hojii Jalqabsiisuuf jedhu hin cuqaasina/tuqiina
  • Filannoo Hojii Jalqabsiisuuf jedhu tuqxan, dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee dubbistanii hubachuun kabajuuf akka walii-galtanitti ykn kaffaltii liqii fayyadamuuf akka mirkaneessitanitti fudhatama.
  • Tajaajila liqii xiqqaa mala Itiyoo-telekoom waliin hojiirra oolchuufi tajaajila liqii karaa elektiroonikii qofaan telebirrii fayyadamuuf walii-galtaniittu.
  • Dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee yeroo yeroon Itiyo-telekoom fi Baankii Daashiin biratti fooyya’uu ykn jijjiiramuu danda’u; jijjiirama kanaan wal-qabatee beeksisni dursee akka isin dhaqqabu ni taasifama. Jijjiiramni kunis poortaalii telebirri irratti ergaa beeksiifamee kaasee hojirra ni olaa.
  • Mirga ykn dirqama walii-galtee kana jalatti qabdan kamiyyuu qaama biraa kamittiyyuu dabarsuun hin hayyamamu.
  • Maamilli dhuunfaa maallaqa liqeeffate kana kaayyoo seera qabeessa ta'ef qofa oolchuuf walii-galeera.
  1. Tajaajila liiqii xixxiiqqaa mala   Jalqabsiisuuf.
Tajaajila liqii Mala  Itiyoo telekoomii fi Baankii Daashiin waliin jalqabuuf yoo xiqqaate:
  • Dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee kana dubbisuu, hubachuu fi irratti walii-galuu qabdu
  • Umriin keessan waggaa 18 fi isaa ol ta'uu qaba.
  • Simkaardii Itiyo-telekoom tajaajila kennaa jiru (active) qabaachuu qabdu.
  • Tajaajiloota teleebirri fi Itiyoo-telekoom kanneen akka Daataa, Sagalee, fi tajaajila ergaa gabaabaa (SMS) fayyadamaa kan jirtan ta'uu qabdu
  • Turtiin maammilummaa telebirrii keessanii ji'a 3 fi isaa ol ta'uu qaba
  1. Tajaajila liqii Mala argachuf Ulagaalee guuttamuu qaban
    • Dandeettiin liqeeffachuu maamila dhuunfaa, guyyaa iyyannoon liqii dhiyaate dura socho'iinsa maallaqa telebirr ji'oota 6n darbanii, seenaa liqii kanaan dura fudhataanii kaffaluu fi fayyadama tajaajila Itiyoo-telekoomii irratti hundaa'ee murtaa'a. Gurgurtaaleen (transactions) fi jijjiirraan maallaqa telebirri armaan gadii dandeettii liqeeffachuu maamilaa shallaguuf tajaajilu
  • Yeroo qilleensaa guutuu ykn kuufama bituu (Ofiin ykn kara bakka bu'oota biratti)
  • Meeshaalee ykn tajaajiloota bituun kafaltii raawwachuu
  • Kaffaltii biilii (Ofiin ykn kara bakka bu'oota birotiif tajaajiloota itti fayyadamaa (Utility) ofii keessaniif ykn nama biraatiif kaffaluu.
  • Kaffaltii baay'ee (Bulk Disbursement) kanneen akka kaffaltii hojjettoota guyyaa, mindaa, gargaarsa, sooramaa fi kkf karaa telebirriin fudhachuu
  • Maallaqa Biyya Alaairraa isniif ergamee gara teelebirrin fudhachuu
  • Tikeetii bituu
  • Maallaqa gargaarsaa sassaabuu (Fundraising).
  • Bakka bu'oota (Agents) telebirrii biratti maallaqa galchuu fi baasii gochuu
  • Tajaajila qusannaa.
  • Maallaqa erguu
  • Itti fayyadama tajaajila telekoomii (Sagalee, Daataa ykn Ergaa gabaabaa
  • Seenaa gaarii liqii kanaan dura fudhatame sirnaan kaffaluu qabachu
  • Liqii liqeeffachuf gaha ta'uuf, maamiloonni itti fayyadama tajaajila itiyootelekoomii dabalataan, tajaajila telebirrii fayyadamuu qabu.
    • Tajaajila Liqii mala Mindaa argachuuf, mindaa ji'aa karaa teleebirri fudhachuu fi waliigalteen dhaabbata itti hojjetamu waliin taasifamu gahadha.
  1. Hanga liqii fi kaffaltii
    • Hanga Sochii daldala(Sochii Herrega) keessanii irratti hundaa’uun, hanga liqii gad-aanaa fi ol-aanaa hayyamame gidduutti kamiyyuu liqeeffachuu ni dandeessu.
    • Akkaata dambii Mana Maree Ministeerotaa lakkoofsa 576/2018tti, Fandii Ittiisa Balaa tasaa Itiyoophiyaatiif (Ethiopian Disaster Risk Response Fund) hamma liqii gaafatame irraa dhibbeentaa tokko (1%) hir'ifamee herrega telebirr keessanitti galii taasifama.
    • Liqii biroo argachuuf liqii isin irra jiru dursa kaffalu qabdu.
    • Liqii isinirra jiru guutumman ykn addaan qoodun  kafaluu ni dandeessu.
    • Akkata gosa liqichatti, guyyaa liqichi fudhatame irraa eegalee yeroon kaffaltii liqii guyyaa 1, guyyaa 7, guyyaa 30 fi guyyaa 50 dha
    • Tajajiila liiqii Melaa guyyaatiif hamma liqii gadi aanaan qarshii 100.00 fi olaanan 2000, Mala Torbee Gadi aanaan qarshii 100, ol aanaan qarshii 5,000, Mala Ji'aa Gadi aanaan qarshii 600, ol aanaan qarshii 15,000, Mala Guyyaa 50,Gadi aanaas 3000 fi ol aanaa qarshii 30,000 dha
    • Liqii guyyaa tokkoo kan isinirra jiru guyyaa kaffaltii isaatti yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa irratti kaffaltii tajaajilaa %1 liiqii fudhatan irraa ni kaffaltu
    • Liqii mala torbeetiif guyyaa kaffaltii isaatti yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa irratti kaffaltii tajaajilaa %1 kan liqii fudhattani ni kaffaltu; kaffaltii liqii hafe immoo hamma liqicha kaffaltanii xumurtanitti guyyaa guyyaadhaan 35% hanga 1.2% tti kaffaltii guyyaa ni raawwattu.
    • Liqii mala ji'aa yeroo kaffaltii yeroo jedhametti yoo kaffaltan, guyyaa jalqaba kafaltii tajaajilaaf %3 kaffaltu. Guyyaa sanaa booda hanga liqicha hafee kaffaltanii xumurtanitti, kafaltii tajajiila guyyaatti %0.3 hanga %0.8 kaffaltu
    • Liqii mala guyyaa shantama (50) yeroo kaffaltii isaatti yoo kaffaltan, guyyaa jalqaba kafaltii tajaajilaaf %6 kaffaltu. Guyyaa sanaa booda hanga liqicha hafee kaffaltanii xumurtanitti, guyyaatti %0.5 hanga %0.7 kaffaltu.
    • Kaffaltiin liqii Melaa Madarashaa, yeroo liqii fudhattan irratti hundaa’uun hiramee ji'a ji'aan kaffalama.
    • Liqii Minda keessani 30% Melaa Madarashaaf ji'a 3 keessatti kaffalamee xumuramuuf, kafaltii tajaajilaaf %10 kaffaltu
    • Liqii Melaa Madarashaa ji'a 2, yeroo ji'a 9 keessatti kaffalamee xumuramuuf, kafalti tajaajilaaf %16 kaffaltu.
    • Liqii Melaa Madarashaa ji'a 3, kan yeroo ji'a 12 keessatti kaffalamee xumuramuuf, kafaltii tajaajilaaf %20 kaffaltu.
    • Mala liqii mindaa ji'a 2 fi 3 yeroo kaffaltii dursitanii kan kaffaltan yoo ta'ee, kaffaltii tajaajilaa hamma liqii hafe irraa %3 qofa kaffaltu.
    • Maallaqni isin bonasiin ykn badhaasan argattan liqii isinirra jiru kaffaluuf hin oolu
  1. Liqii Hin kafalamiin Sassaabu.
  • Kaffaltii liqii keessan yeroon hin raawwanne yoo ta’e, Itiyoo teleekoomii ykn dashiin Bankiin maallaqa liqii hafe herrega teleebirrii ykn herrega qusannaa sanduq keessan irraa hatattamaan ni hir’isu.
  • liqiin yeroo kaffalamuu qabutti kaffalamuu yoo baate, Itiyoo Telekoomiifi/yookiin Baankiin Daashiin barbaachisaa ta'ee yoo argame, dhabbanii liqii kenneru kun Baankii Daashiin yookiin qusanna baankota biroo keessan jiru irraa kallattiin kutuun dabalatee, mala danda'ame hundaatti fayyadamun mana murtii alatti liqii  sassaabuu ni danda’a.
  • "Liqii hin kaffalamiin sassabuuf mana murtii alatii filannoowwan kamiyyu fayyadamun laqii  sassaabuuf akka gargaaruuf, Itiyoo Telekoomfi/yookiin Baankiin Daashiin teessoo mana jireenyaa maammila dhuunfaa sanaa mala danda'ame hundaan barbaadanii argachuudhaan liqii sassaabuuf mirga akka qaban maammilli dhuunfaa irratti waliigaleera
  • liqiin fudhattan yeroo kaffalamuu qabutti kaffalamuu yoo baate, Itiyoo Telekoom fi Baankiin Daashiin teessoo maammila dhuunfaa sanaa fi odeeffannoo liqii sassaabuuf barbaachisoo ta'an hundaa, qaama sadaffaa (dhaabbata yookiin dhuunfaa) hojii liqii sassaabuu irratti bobba'eef dabarsanii kennuuf akka danda'an maammilli dhuunfaan irratti waliigaleera.
  • liqiin fudhattan karaa mana murtiitiin alaattii kaffalamuu yoo baate, Itiyoo Telekoom fi/yookiin Baankiin Daashiin dhimma kana gara mana murtii idileetti geessuufi, akkasumas ofuma isaaniitiin yookiin dhaabbata tajaajila seeraa birootiin yookiin abukaatoo dhuunfaatiin fayyadamanii himannaa banuuf mirga guutuu qabu
  • Maammilli liqiin bada ykn hin kaffalamne jala jiru, waliigala liqii irra jiru kaffalee xumuruuf filannoo yeroo kaffaltii dheeressuu kan jedhuu fayyadamuun ni danda’a. Akkata gosa liqii bada sanaatti, kaffaltii tajaajilaa 0.75% hanga 1% ta'u kafaluf maammillii dhuunfaan waliigaleera.
  • Tajaajilli liiqii Guyyaa dheeressun guyyaan kaffaltii liqichaa gahuun dura gaafatamuu qaba. Yeroon dheeressun kun hanga guyyoota 10tti kan ta’u yoo ta’u, guyyaatti kaffaltii tajaajilaa 8% ni kafaltu.
  1. Seerota raawwatinsa qaban
Seeronni Rippabliika Diimokiraatawaa Federaala Itoophiyaa, qajeelfamoonni Baankii Biyyooleessa Itoophiyaa, akkasumas hojiimata Baankii Daashinii fi/ykn Itiyoo Teelekoom dhimma kanaan wal qabatan, dambiiwwan fi haalawwan kana irratti raawwatamaa ni ta’u.
  1. Odeeffannoo gaafachuu
Gaaffilee tajaajila telebirri 'Mala', adeemsa hojii, dambiiwwan fi haalawwan waliin wal qabatan kamiyyuuf, Wiirtuu Quunnamtii Maammiltoota telebirrii (127 irratti bilbiluun), ergaa gabaabaa (SMS) gara 126tti erguun ykn miidiyaa hawaasummaa Itiyoo Teelekoom (https://telehub.ethiotelecom.et/) daawwachuun odeeffannoo dabalataa argachuu ni dandeessu.
  1. Waliigaltee Addaan kutuu Tajaajila liqii fi qusannaa xixiqqaa kamiyyuu,akkeekachiisa durafi beeksiisa tokko malee  seeraan ala  fayyadamu keessaniin yookaan sababa waaliin dhahuun gutumma gutuuttii yookan gartookkeen dhorkuuf yookan waaliigaltee addaan kutuf mirga ni qabna,Addaan ciituun waaliigaltee kana gutumma gutuuttii ykn gartokkeen mirgafi dirqama qamoolee waliigalan laman xuquu hin danda’u.
  2. Komiiwwan fi Waldhabdee Hiikuu
Komiiwwan qaamaan dhiyaachuun, barreeffamaan, poostaan, faaksiin, imeelii ykn bilbilaan dhiyaachuu ni danda’u. Itiyoo Teelekoom komii keessan yeroo gabaabaa keessatti furuuf tarkaanfii barbaachisaa hunda ni fudhata. Deebii kennameen yoo quufuu baattan, dhimmicha sadarkaan gara Baankii Daashinii fi Baankii Biyyooleessa Itoophiyaatti geessuu ni dandeessu. Komiin sun jalqaba Itiyoo Teelekoomitti dhiyaatee irraa kaasee waalitti Ansee guyyota (30) keessatti gareewwan lamaan waliigalteerra gahuu yoo dadhaban, dhimmicha mana murtii Itoophiyaa keessatti aangoo qabuuf qofa dhiyeessuuf waliigalaniiru.
  1. Mirga Qabeenya Qabachuu
Liiqii Isinirra jiru yoo hin kaffalle, keessattuu  qarshii callaa, meeshaalee, wabiiwwan, faaya qaalii, cheekiiwwan fi qabeenya keessan socho’us ta’e hin sochoone kamiyyuu irratti mirga liiqii waaldandeesisu guutuu ni qabaanna. Liqii  isinirra qabdan yoo kaffaluu baattan fi mirgi wal dandeessisuu yoo uumame, qabeenya mirga qabsiisummaa jala jiran liqii hin kaffalamneef akka wabitti lakkaa'uun ni danda'ama
  1. Liiqii waldandeesiisu
Hamma liqii xiqqaaf fudhattan akka kaffaltan isiniif ibsamee erga isiniif beeksiisne booda, yeroo murtaa’e keessatti deebisuu yoo bataan, herrega baankii keessan biroo kamiyyuu kan akka qusannaa callaa qarshii, qusannaa , kuusa yeroo , herrega waloo ykn dhuunfaa keessan irraa hamma liqii isiniirra jiruu osoo haalli biroon hin dhiyaatiin kallattiin fudhachuu akka dandeenyu irratti walii galtaniittu.
  1. Itti gafatamuumma
Lakkoofsi iccitii (PIN) telebirr keessanii iccitiin qabamuu qaba; si malee qaama sadaffa biroo bira ga'uu hin qabu. Lakkoofsa iccitii keessan qaama sadaffaatti beeksisuun, yeroo yeroon jijjiiruu dhiisuun, tajaajila telebirri hayyama malee fayyadamuun, yookiin bilbilli keessan yookiin siim-kaardiin keessan yoo isin jalaa hatame yookiin bade qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan gabaasa gochuun cufsiisuu dhiisuun kisaaraa yookiin miidhaa qaqqabu hundaf itti gaafatamummaan kan keessan qofa ta'a