Tajaajilli Liqii Wabii Qarshii 100 irraa eegalee hanga Qarshii kuma 30tti liqii maayikiroo kan kennu yoo ta’u, yeroon turtii liqiin itti deebi’u hanga guyyoota 45 tti ni kenna.
Kireeditii Xiqqaa
| Hanga liqii | Daangaa Liqii (Xiqqaa-olaana) | Kaffaltii Tajaajilaa | Kaffaltii Guyyadhaan | Adabbii |
|---|---|---|---|---|
| Wabii Guyyoota 5’f | Qarshii 100 – 5,000 | %1.5 | %0.7 | %0.11 |
| Wabii Guyyoota 10’f | Qarshii 100 – 6,000 | %2 | %0.55 | %0.11 |
| Wabii Guyyoota 30’f | Qarshii 100 – 15,000 | %4 | %0.70 | %0.11 |
| Wabii Guyyoota 45’f | Qarshii 100 – 30,000 | %6.5 | %0.55 | %0.11 |
Liqaa mindaa wabii asii dubbisaa
Liqaa Mindaa Wabii
Hojjettoonni dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa mindaan isaanii ji’aan karaa teeleebirrii ykn Baankii Siinqeetiin kaffalamu liqii mindaa ji’a shanii, hanga Qarshii miiliyoona 1 waliin wal gitu akka argatan ni taasisa. Liqiin kun ji’oota 14 keessatti kan deebi’u fi waggaatti kaffaltii liqii hanga Qarshii biiliyoona 1.3 ni argamsiisa kan danda’udha.
| Dangaa Liqii | Dangaa Liqii | Kaffaltii Tajaajilaa | Kaffaltii Ji’aan | Kaffaltii Ji’aan | Kaffaltii Ji’aan |
|---|---|---|---|---|---|
| Qar. 1,000 – 1,000,000 | Ji'oota 5 | %19.50 | %1.39 | Ji'oota 14 | %0.11 |
Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee kan waamamudha)
- Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee kan waamamudha) haalawwan waliigalaa fi dambiiwwan Tajaajila Liqii wabi teleebirri irratti raawwatiinsa qaban of keessaa qaba.
- Haalawwanii fi dambiiwwan kun, akkasumas fooyya’iinsi fi jijjiiramni isaan waliin walqabatu kamiyyuu, Tajaajila Liqii Xiqqaa teeleebirri wabii irratti raawwatiinsa ni qabaata, Maamilaan dhunfaa yeroo dubbifamee fi fudhatama argate (jaqabsiisuuf kan jedhu cuqaasuun).
- 1. Hiikkaa
Jechoonni fi ibsitoonni Haalawwanii fi Dambiiwwan hiika armaan gadii ni qabatu:-
- "Baankii Siinqee"jechuun dhaabbata faayinaansii qajeelfama qabu yoo ta'u, Itiyoo teleekoom waliin ta'uun maamiltoota dhunfaaf teeleebirritiif tajaajila liqii xiiqqaa wabii faayinaansii
- "Itiyoo telekoom" jechuun dhaabbata kaffaltii raawwachuuf (payment instrument issuer) hayyama qabuu fi tajaajila liqii xiiqqaa wabii maamiltoota dhuunfaa Telebirrittiif kennu haala mijeessuf baankii Siinqee waliin waliigaltee kan taasiseedha.
- "Baankiin Biyyoolessa Itiyoophiyaa" jechuun, akkaataa labsii lakkoofsa 718/2003 (akkuma labsii lakkoofsa 1282/2015 tiin fooyya'etti) dhaabbata faayinaansii tiif hayyama kennuu fi hojii isaanii to'achuuf aangoo kan qabu dhaabbata dha.
- teeleebirri" jechuun maqaa daldalaa tajaajila liiqii faayinansii dijitalan(digital mobile money service) Itiyoo teelekoom yoo ta'u, maamiloonni dhunfaa bilbila mobaayilaa isaanii fayyadamuun tajaajiloota faayinaansii akka argatan kan dandeessisudha.
- Lakkoofsa Herrega teeleebirrii” " jechuun akkaawuntii maamiloonni tajaajila teelebirri fayyadamani karaa elektirooniksiitiin maallaqa itti qusatan, ittiin erganii fi ittin fudhatanidha.
- "Tajaajila liqii xixxiiqqaa wabii" jechuun Baankii Sinqee fi Itiyooteelekoomiin waaliin ta’un kan dhiyaatu ta'ee, maamiloonni dhuunfaa maallaqa elektirooniksiitiin liqii xixxiiqaa karaa telebirrittin argatan gosa tajaajila liqiiti.
- "Tajaajila Liqii Miinda Wabii" jechuun hojjettoota dhaabbata dhuunfaa fi mootummaatiif waliigaltee dhaabbilee isaanii waliin taasifamu irratti hundaa'uun, dambii fi haalawwan kanaan karaa telebirrin Baankii Sinqee fi Itiyooteelekoom waliin ta'uun tajaajila liqii dhiyeessanidha
- "Maamila Dhuunfaa" jechuun nama uumamaa ta'ee, maqaa isaatiin Lakkoofsa Herrega teeleebirrii telebirrii kan qabuu fi tajaajila liqii xiqqaa wabii telebirrii fayyadamuf kan waliigale jechuudha
- "Maallaqa Elektirooniksii (e-money)" jechuun gatii maallaqa elektirooniksii qarshii Itiyoophiyaa waliin qixxee kan ta'e, maamilaan kan bulchamu fi Lakkoofsa Herrega teeleebirrii telebirrii maamilaa keessatti kan argamudha.
- "Isin" yookaan "Kan keessan" jechuun maammila dhuunfaa jechuu yoo ta'u, kunis bakka bu'oota mammila dhuunfaa sanaa ni dabalata.
- "Nuyi", "Nu" fi "Kan keenya" jechuun Siiqqee fi Itiyoo Telekkoom jechuudha
- "Kaffaltii Tajaajilaa" jechuun tajaajila liqii wabii fudhachuf guyyaa jalqabaa irratti kaffaltii maammila dhuunfaatiin raawwatamudha.
- "Kaffaltii Guyyaa" jechuun hamma liqii (idaa) hin kaffalamne irratti hundaa’uun, gosa liqii maammilli dhuunfaa fudhate irratti hundaa’ee kaffaltii guyyaa guyyaan raawwatamudha.
- "Kaffaltii Adabbii" jechuun maammilli dhuunfaa akkaataa waadaa (waliigaltee) galeen maallaqa liqii fudhatee osoo hin kaffaliin yoo hafe, maallaqa kaffaluudha.
- "Guyyaa Kaffaltii" jechuun guyyaa dhumaa maammilli dhuunfaa liqii fudhate kaffalee xumuruuf irraa
- "Liqii Badaa" jechuun, guyyaa dhumaa maammilli liqii fudhate kaffalee xumuruu qabu irraa kaasee, guyyoota 90 booda osoo hin kaffalamiin kan hafe jechuudha.
- "Saalli dhalaa bakka ibsametti saala dhiiraatiif, akkasumas saalli dhiiraa bakka ibsametti saala dhalaatiif ni tajaajila."
- dhuunfaa jedhu saala dhiiraa fi dhalaa ibsuuf ni tajaajila.
- Dambiiwwan fi Haalawwan fudhachuu
- Tajaajilli liqii xiqqaa wabii kun waliigaltee Baankii siinqee fi Itiyoo-telekoomii gidduu jiruun kan dhiyaate yoo ta'u, qarshichi kan dhiyaate Baankii siinqeetini.
- Tajaajila liqii xiqqaa 'Wabi' jalqabuuf, maamilichi dhuunfaan lakkoofsa gabaabaa USSD (127#) yookan (supperApp) telebirr fayyadamuu danda'a.
- Tajaajila liqii Wabi fayyadamuuf iyyannoo dhiyyeessu keessaniin dura, dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee kana of-eeggannoodhaan dubbistanii, hubatanii irratti walii-galuu qabdu.
- Dambiiwwanii fi haalawwan kanaan yoo walii hin galle, maaloo tarree filannoo keessaa (Jalqabsiisuuf) jedhu hin cuqaasina/tuqiina
- Filannoo Hojii Jalqabsiisuuf jedhu tuqxan, dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee dubbistanii hubachuun kabajuuf akka walii-galtanitti ykn kaffaltii liqii fayyadamuuf akka mirkaneessitanitti fudhatama.
- Tajaajila liqii xiqqaa Wabi Itiyoo-telekoom waliin hojiirra oolchuufi tajaajila liiqii xiiqqaa karaa elektiroonikii qofaan sirna telebirrii fayyadamuuf walii-galtaniittu.
- Dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee yeroo yeroon Itiyo-telekoom fi Baankii Sinqee biratti fooyya’uu ykn jijjiiramuu danda’u; jijjiirama kanaan wal-qabatee beeksisni dursee akka isin dhaqqabu ni taasifama. Jijjiiramni kunis poortaalii telebirri irratti ergaa beeksiifamee kaasee hojirra ni olaa.
- Dambiiwwaniifi haalawwan kana karaa elektirooniksiitiin yoo fudhattan, kun isiniifi nu gidduutti waliigaltee seeraan nama mamsiisu ta’a. Mirga yookiin dirqama waliigaltee kana jalatti qabdan kamiyyuu qaama biraattif dabarsuun isini hin hayyamamu
- Maamilichi dhuunfaa maallaqa liqeeffate kana kaayyoo seera qabeessa ta'e qofaaf oolchuuf walii-galeera.
- Tajaajila liiqii Wabii xiiqqaa Jalqabsiisuuf.
Tajaajila liqii Wabii Itiyoo telekoomii fi Baankii Siinqee waliin jalqabuuf yoo xiqqaate:
- Dambiiwwanii fi haalawwan walii-galtee kana dubbisuu, hubachuu fi irratti walii-galuu qabdu
- Umriin keessan waggaa 18 fi isaa ol ta'uu qaba.
- Simkaardii Itiyo-telekoom tajaajila kennaa jiru (active) qabaachuu qabdu.
- Tajaajiloota teleebirri fi Itiyoo-telekoom kanneen akka Daataa, Sagalee, fi tajaajila ergaa gabaabaa (SMS) fayyadamaa kan jirtan ta'uu qabdu
- Turtiin maammilummaa telebirrii keessanii ji'a 3 fi isaa ol ta'uu qaba
- Tajaajila liqii Wabii argachuf Ulagaalee guuttamuu qaban
- Dandeettiin liqeeffachuu maamila dhuunfaa, guyyaa iyyannoon liqii dhiyaate dura socho'iinsa maallaqa telebirr ji'oota 6n darbanii, seenaa liqii kanaan dura fudhataanii kaffaluu fi fayyadama tajaajila Itiyoo-telekoomii irratti hundaa'ee murtaa'a. Gurgurtaaleen (transactions) fi jijjiirraan maallaqa telebirr armaan gadii dandeettii liqeeffachuu maamilaa shallaguuf tajaajilu
- Yeroo qilleensaa guutuu ykn kuufama bituu (Ofiin ykn kara bakka bu'oota biratti)
- Meeshaalee ykn tajaajiloota bituun kafaltii raawwachuu
- Kaffaltii biilii (Ofiin ykn kara bakka bu'oota birotiif tajaajiloota itti fayyadamaa (Utility) ofii keessaniif ykn nama biraatiif kaffaluu.
- "Kaffaltii baay'ee (Bulk Disbursement) kanneen akka kaffaltii hojjettoota guyyaa, mindaa, gargaarsa, sooramaa fi kkf karaa telebirriin fudhachuu
- Biyya Ambaa irraa maallaqa fudhachuu
- Tikeetii bituu
- Maallaqa gargaarsaa sassaabuu (Fundraising).
- Bakka bu'oota (Agents) telebirrii biratti maallaqa galchuu fi baasii gochuu
- Tajaajila qusannaa.
- Maallaqa erguu
- Itti fayyadama tajaajila telekoomii (Sagalee, Daataa ykn Ergaa gabaabaa
- Seenaa gaarii liqii kanaan dura fudhatame sirnaan kaffaluu qabachu
- Liqii liqeeffachuf gaha ta'uuf, maamiloonni itti fayyadama tajaajila itiyootelekoomii dabalataan, tajaajila telebirrii fayyadamuu qabu
- Tajaajila Liqii Wabii Mindaa argachuuf, mindaa ji'aa karaa teleebirri fudhachuu fi waliigalteen dhaabbata itti hojjetamu waliin taasifamu gahadha.
- Hanga liqii fi kaffaltii.
- Hamma gurgurtaa (transaction) keessan irratti hundaa'uun, hanga liqii gadi-aanaa fi ol-aanaa hayyamame gidduu jiru kamiyyuu liqeeffachuu ni dandeessu.
- Akkaata dambii Mana Maree Ministeerotaa lakkoofsa 576/2018tti, Fandii Ittiisa Balaa tasaa Itiyoophiyaatiif (Ethiopian Disaster Risk Response Fund) hamma liqii gaafatame irraa dhibbeentaa tokko (1%) hir'ifamee herrega telebirr keessanitti galii taasifama.
- Liqii biroo argachuuf liqii isin irra jiru dursa kaffalu qabdu
- Liqii isinirra jiru guutumman ykn addaan qoodun kafaluu ni dandeessu.
- Gosa liqii irratti hundaa’uun yeroon liqii itti deebi’uu guyyaa 5, guyyaa 10, kan ji’a, guyyaa 45
- "Guyyoota 5niif, guyyoota 10niif, guyyoota 30f fi guyyoota 45f hammi liqii ol-aanaan wal-duraa duubaan qarshii 5,000, qarshii 6,000, qarshii 15,000 fi qarshii 30,000 dha. Akkasumas Guyyoota hanga liqii arman olitti ibsamaniif hammi liqii gadi-aanaan wal-duraa duubaan qarshii 100, qarshii 100, qarshii 200 fi qarshii 2,500 dha.
- Liqii Wabii guyyaa shanii guyyaa 5n keessatti yoo kaffaltan, guyyaa jalqaba Kafaltii tajaajilaaf %1.5 kaffaltu. Guyyaa lammaffaa irraa eegalee akkaataa gosa liqii keessaniitti guyyaatti %0.35 hanga %1.2 kaffaltu.
- Liqii Wabii guyyaa kudhanii yoo guyyaa 10 keessatti kaffaltan, guyyaa jalqaba kafaltii tajaajiila %2 kaffaltu. Guyyaa sanaa booda immoo akkata kafaltii keessan irratti hundaa'uun guyyaatti %0.3 hanga %0.9 kafaltii tajaajila dabalataa ni kaffaltu.
- Liqii Wabbii guyyaa soddomaa yoo guyyaa 30 keessatti kaffaltan, guyyaa duraa hamma liqii keessan irraa %4 kaffaltu. Guyyaa sanaa booda immoo akkata kafaltii keessan irratti hundaa'uun guyyaatti %0.3 hanga %1 kafaltii tajaajila dabalataa ni kaffaltu.
- Liqii Wabii guyyaa 45 keessatti kaffaltan, guyyaa jalqaba kafaltii tajaajilaaf hamma liqii keessan irraati hunda'un %6.5 kaffaltu. Guyyaa sanaa booda immoo akkata gosa liqii keessan irratti hundaa'uun guyyaatti %0.5 hanga %0.67 kafaltii tajaajila dabalataa ni kaffaltu
- Kaffaltiin liiqii minda ji'a Adrash haala liiqii keessan irraatti hunda'un yeroo kaffaltii addaan qoqqoduun ji'a ji'aan kan kaffalamu ta'a..
- Wabi Liqii mindaa ji'a 5, yeroo ji'a 14 keessatti kaffalamuuf kafaltii tajaajila %19.5 ni kaffaltu.
- Wabi Liqii mindaa ji'a 3, yeroo ji'a 9 keessatti kaffalamuuf kafaltii tajaajila %14 ni kaffaltu.
- Wabi Liqii mindaa ji'a tokko(1), yeroo ji'a 3 keessatti kaffalamuuf kafaltii tajaajila %12 ni kaffaltu.
- liqii wabii isnirra jiru yeroo jedhame keessatti hin kaffalle yoo ta'e, hamma liqii keessan irratti hundaa’uun adabbii guyyaatti %0.11 ta'u kafaltu.
- Maallaqni isin bonasiin ykn badhaasan argattan liqii isinirra jiru kaffaluuf hin oolu.
- Liqii Hin kafalamiin Sassaabu
- Kaffaltii liqii keessan yeroon hin raawwanne yoo ta’e, Itiyoo teleekoomii ykn Siinqee Bankiin maallaqa liqii hafe herrega teleebirrii ykn herrega qusannaa keessan irraa battalumattii ni hir’isu.
- liqiin yeroo kaffalamuu qabutti kaffalamuu yoo baate, Itiyoo Telekoomiifi/yookiin Baankiin siinqee barbaachisaa ta'ee yoo argame, dhabbanii liqii kenneru kun Baankii siinqee yookiin qusanna baankota biroo keessa jiru irraa kallattiin kutuun dabalatee, Filannoo hundumattii fayyadamun mana murtii alatti liqii sassaabuu mirga guutuu ni danda’a.
- "Liqii sassabuuf mana murtii malee filannoo karaa birootiin sassaabuuf akka gargaaruuf, Itiyoo Telekoomfi/yookiin Baankiin siinqee teessoo mana jireenyaa maammila dhuunfaa filannoo hundaan barbaadanii argachuudhaan liqii sassaabuuf mirga akka qaban maammilli dhuunfaa irratti waliigaleera
- liqiin fudhattan yeroo kaffalamuu qabutti kaffalamuu yoo baate, Itiyoo Telekoom fi Baankiin siinqee teessoo maammila dhuunfaa sanaa fi odeeffannoo liqii sassaabuuf barbaachisoo ta'an hundaa, qaama sadaffaa (dhaabbata yookiin dhuunfaa) hojii liqii sassaabuu irratti bobba'eef dabarsanii kennuuf akka danda'an maammilli dhuunfaan irratti waliigaleera.
- liqiin fudhattan karaa mana murtiitiin alaattii kaffalamuu yoo baate, Itiyoo Telekoom fi/yookiin Baankiin siinqee dhimma kana gara mana murtii idileetti geessuufi, akkasumas ofuma isaaniitiin yookiin dhaabbata tajaajila seeraa birootiin yookiin abukaatoo dhuunfaatiin fayyadamanii himannaa banuuf mirga guutuu qabu
- Seerota raawwatinsa qaban
Seeronni Rippabliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa, qajeelfamoonni Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, akkasumas adeemsawwan hojimaata keessa Baankii siinqee fi/ykn Itiyooteelekoom dambiiwwan fi haalawwan (Terms and Conditions) kanneen irratti raawwatiinsa ni qabaatu
- Odeeffannoo gaafachuu
Tajaajila, Hojimaata, Haala fi Dambiiwwan telebirri ilaalchisee gaaffii yoo qabaattan,Wiirtuu keesumessa maamiltootaa telebirr (127) bilbiluu, ergaa gabaabaa gara (126) irratti erguu ykn odeeffannoo dabalataaf fuula miidiyaalee hawaasaa telebirrii (https://telehub.ethiotelecom.et/) daawwachuu ni dandeessu.
- 9. Waliigaltee Addaan kutuu
Tajaajila liqii fi qusannaa xixiqqaa kamiyyuu,akkeekachiisa durafi beeksiisa tokko malee seeraan ala fayyadamu keessaniin yookaan sababa waaliin dhahuun gutumma gutuuttii yookan gartookkeen dhorkuuf yookan waaliigaltee addaan kutuf mirga ni qabna,Addaan ciituun waaliigaltee kana gutumma gutuuttii ykn gartokkeen mirgafi dirqama qamoolee waliigalan laman xuquu hin danda’u.
10.Komiiwwan fi Waldhabdee Hiikuu
Komiiwwan qaamaan dhiyaachuun, akkasumas barreeffamaan, poostaan, faaksiidhaan, imeelii ykn bilbilaan dhiyeefachun ni danda’ama. Itiyooteelekoom komii keessan yeroo gabaabaa keessatti furuuf tarkaanfii barbaachisaa hunda ni fudhata. Deebiin isiniif kennamee qubsa ta’u yoo batee , dhimma keessan walduraduban Baankii siinqee fi Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti dhiyeessu ni dandeessu. Erga komiin keessan jalqaba Itiyooteelekoomitti dhiyaatee guyyoota walitti ansee guyyaa soddooma 30 keessatti walii-galtee irra ga'uun yoo danda'amuu baate, dhimma isaanii mana murtii Itiyoopiyaa aangoo qabutti qofa dhiyeeffachuuf walii-galaniiru
- Mirga Qabeenya Qabachuu.
Liqii liiqeeffattan yeroon kaffaluu yoo baattan, keessumaattuu qarshii callaa, meeshaalee, wabiiwwan, faaya qaalii, cheekiiwwan fi qabeenya keessan socho’us ta’e hin sochoone kamiyyuu irratti mirga qabsiisummaa guutuu ni qabaanna. liiqii siinirra jiru kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e fi mirgi wal-dhabdee hiikuu yoo uumame, qabeenya mirga qabsiisummaatiin qabaman akka wabii liqii hin kaffalamneetti lakkaa’uun ni danda’ama.
- Liiqii waldandeesiisu
Hammi liqii xiqqaatan isin fudhattan akka kaffaltan erga isiniif ibsamee booda, yeroo murtaa’e keessatti deebisuu yoo dadhabdan; herrega baankii biroo keessan kan akka qusannaa yeroo, qussaana dhaabbata, dhuunfaas ta’e kan waliinii keessaa hammi deebifamuu qabu sun hamma liqii keessaniitti osoo ulaagaa dabalataa hin gaafatin akka irraa fudhatamu walii galtaniittu.
- Itti gaafatamummaa
Lakkoofsi iccitii (PIN) telebirr keessanii iccitiin qabamuu qaba; si malee qaama sadaffa biroo bira ga'uu hin qabu. Lakkoofsa iccitii keessan qaama sadaffaatti beeksisuun, yeroo yeroon jijjiiruu dhiisuun, tajaajila telebirri hayyama malee fayyadamuun, yookiin bilbilli keessan yookiin siim-kaardiin keessan yoo isin jalaa hatame yookiin bade qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan gabaasa gochuun cufsiisuu dhiisuun kisaaraa yookiin miidhaa qaqqabu hundaf itti gaafatamummaan kan keessan qofa ta'a