It is a method of lending small sum of e-money to individuals and merchants/agents to start or expand a small business.

Haalawwanii fi Dambiiwwan
Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee kan waamamu)
Haalawwanii fi Dambiiwwan guutuu kanneen tajaajila liqii maaykiroo wabii irratti raawwatiinsa of keessatti qabata.
Haalawwanii fi dambiiwwan kun, akkasumas fooyya'iinsi fi jijjiiramni isaan waliin walqabatu kamiyyuu, maamila irratti hojiirra kan oolan erga maamilaan dubbifamee fi fudhatama argateen booda filannoo(“Jalqabsiisi") jedhu cuqaasuun.
- Hiikkaa
Jechoonni fi ibsitoonni Haalawwanii fi Dambiiwwan kana keessatti tarreeffaman hiika armaan gadii qabatu:-
- "Baankii Siinqee" jechuun dhaabbata faayinaansii qajeelfama qabu fi Ethio telecom waliin ta'uun maamiltoota telebirriif tajaajila liqii Maaykiroo wabii faayinaansii kennuuf waliigaltee kan taasiseedha.
- "Itiyoo telekoom"jechuun dhaabbata kaffaltii raawwachuuf(payment instrument issuer) hayyama qabuu fi tajaajila liqii maayikiroo faayinaansii wabii maamiltoota telebirrittiif kennuf Baankii siinqee waliin waliigaltee kan taasiseedha.
- “Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa" jechuun Dhaabbata dhaabbilee faayinaansiif hayyama kennuufi hojii isaanii to’achuuf akkaataa labsii Lakkoofsa.591/2001tiin hundeeffame dha.
- “telebirr”-Jechuun Maqaa daldalaa tajaajila maallaqa moobaayilaa (mobile money service) Itiyoo telekoom yoo ta'u, maamiltoonni bilbila harkaa isaanii fayyadamuun tajaajila faayinaansii akka argatan kan taasisudha.
- “Lakkoofsa Herrega telebiir” jechuun Lakkoofsa herrega fayyadamtoonni telebirr maallaqa karaa elektirooniksiitin kuusuu, erguu fi fudhachuu kan dandeesiisudha.
- "Tajaajila liqii Maayikiroo-kireediti wabii" jechuun tajaajila Baankii siinqee fi Itiyoo telekoom waliin ta’un,maamiltoota dhuunfaaf liiqii xiixxiiqaa maallaqaa elekrooniksiidhaan karaa teleebirri argachuun dandaa’amudha..
- "Tajaajila liqii Maayikiroo Maayikiroo-kireediti Wabii mindaa"Jechuun Baankiin Siinqee fi Itiyoo telecom waliin ta’uun karaa telebirr hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaatiif akkaataa waliigaltee dhaabbilee isaanii waliin taasifamun, haalawwan fi dambiiwwan armaan gaditti ibsamaniin tajaajila liqii kennamu jechuudha.
- "Maamila dhunfaa"Jechuun nama uumamaa maqaa isaatiin lakkoofsa herrega telebirri qabuu fi tajaajila liqii wabii telebirri fayyadamuf walii galeedha.
- “Maallaqa Elektirooniksii(E-Money) jechuun gatii maallaqaa elektirooniksii lakkofsa herrega telebirrii maamiltootaa keessatti argamuta ta’ee, kan maallaqa Birrii Itiyoophiyaan waalqixa ta’e bakka bu’uu fi maamiltootan kan sochoo’u jechuudha.
- sihi" ykn "kan kee" jechuun maamila dhuunfaa yoo ta'u, bakka bu'oota mamiila dhuunfaa sanaa kan dabalatudha.
- nuyi" fi " keenya" jechuun baankii Siinqee fi Itiiyoo teelekoom jechuudha.
- “Kaffaltii Tajaajilaa” jechuun kaffaltii maamiltoonni dhuunfaa tajaajila Kaffaltii Liqii fayyadamuuf kaffalan hanga kaffaltii kanaa akka murto Itiyoo telekoom fi Baankii Siinqee yeroo barbaadetti dursanii beeksisuun jijjiiramuu ni danda’a.
- "Kaffaltii guyyaa" jechuun gosa liqii maamila dhuunfaa fudhate irratti hundaa'uun hanga liqaa hin kaffalamiin guyyaa guyyaan raawwatamu jechuudha.
- “Kaffaltii adabbii" jechuun akkaataa haala waliigaltee liqiitiin mamilli dhunfaa maallaqa liqii yoo deebisuu dadhabe liqii fudhataan kaffalu jechuudha.
- "Guyyaa kaffaltii" jechuun guyyaa dhumaa yeroo dangeeffame maamiltoonni dhuunfaa guyyaattii liqii deebisuu qaban jechuudha.
- "Liqii badaa" jechuun liqaa guyyaa kafaltii dhuma irraa eegalee guyyoota 90 keessatti hin kaffalamiin ture jechuudha.
- Jechoonni saala dubartiitiin ibsaman saala dhiiraaf, jechoonni saala dhiiraatiin ibsaman immoo saala dubartiif oolu.
- Nama dhunfaa" kan jedhu dhiiraafis dubartiifis ni tajaajila.
- Fudhatama Haala fi Dambiiwwan
- Tajaajila liqii wabiif iyyachuun dura Haalawwanii fi Dambiiwwan ittiin bulmaata tajaajila liqii wabii kanneen of eeggannoodhaan dubbisuu fi hubachuu qabdu.
- Haalawwaniifi Dambiiwwan kanarratti walii hin gallee yoo ta’ee filannoo armaan gadii “haqii” kan jedhuurrattii cuqaasaa.
- Haalawwanii fi Dambiiwwan armaan gadii kana akka dubbistanii, hubattanii fi fudhattaniittii kan lakka’aamu yoo: Filannoo "Jalqabsiis" jedhu cuqaasuun, haalawwanii fi dambiiwwan dubbisuu, hubachuu fi fudhachuu fi/ykn Tajaajila liqii Wabii fayyadamuu ykn itti fufiinsaan fayyadamu yoo mirkaneessitaniidha.
- Tajaajila liqii Wabii beekamtii kenniteefi fudhatte jirta akkasumas Itiyoo telecom waliin hojjechuu fi tajaajila liqii Wabii elektirooniksiitiin karaa teelbirr qofaan argachuuf walii galte jirta.
- Haalawwaniif fi Dambiiwwan Itiyoo telekoom fi Bankii Siinqee yeroo yerootti fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’an yoo ta’u, jijjiirama kanaa dursiine isin beeksifna. Haalawwaniif fi Dambiiwwan Jijjiiraman kun guyyaa applikeeshini, weebsayiti ykn poortaala telebirr irratti maxxansame irraa eegalee hojiirra ni oola.
- Maamilli maallaqa kana kaayyoo seera qabeessaaf akka itti fayyadamu walii gale jira.
- Tajaajila Liqii Wabii Jalqabsiisuuf
Tajaajila liqii Wabii Itiyoo telekoomii fi Baankii Siinqee waliin jalqabuuf yoo xiqqaate:
- Haalawwanii fi dambiiwwan kana dubbisuu, hubachuu fi fudhachuu kan danda’u.
- Umurii Waggaa 18 fi isaa ol ta’u
- Siim- kaardii Itiyoo-teleekoom kan tajaajila kennu qabaachuu.
- Tajaajila teleebirrii fi Itiyoo-teleekoom (daataa, sagalee fi ergaa gabaabaa) si’aayinnaan kan fayyadamu ta’u.
- SIM-Kaardi itiyoo telekoom erga fudhattanii fi tajaajila telebirriif erga galmooftanii booda ji'a sadii fi isaa ol networkii(si’aayinaan fayyadamaa) irra turuu.
Tajaajila liqii Wabii Galmaa'uuf ykn jalqaabsiisuf karaa USSD (*127#) ykn teleebirr SuperApp fayyadamuu dandeessu
- Tajaajila liqii Wabii argachuf Ulagaalee guuttamuu qaban
- Hangi liqii mamilli fudhachuu danda’uu kan murtaa’u, daddabarsa mallaqaa karaa telebirri fi fayyadama tajaajila telekoomi maamilli ji’oottan jahan darban keessatti geggessaa ture irratti hundaa’uun. Daddabarsi mallaqaa karaa telebirr armaan gaditti tarreeffame hanga liqii maamila tokkoo murteessuuf kan gargaarudha.
- Yeroo qilleensaa guutuu ykn kuufama bitachuu (ofiin ykn bakka bu'a irraa)
- Bittaa Meeshaalee ykn tajaajila raawwachuu
- Kaffaltii biilii ofiif ykn maamila biraatiif (ofin ykn karaa bakka bu’a) kafalu
- Kaffaltii tajaajila ofiif ykn maamila biraatiif (ofin ykn karaa bakka bu’aa)kafalu
- Kaffaltii dhaabbilee (bulk payment) fudhachuu (mindaa, Gargaarsa, ..).
- Maallaqa biyya alaa irraa ergamee fudhachuu
- Kaffaltii tikkeettii
- Kaffaltii gargaarsa
- Tajaajila qusannoo mallaaqa
- Maallaqa erguu fi fudhachuu
- Fayyadama teleekoomii (sagalee, daataa ykn ergaa gababaa).
- odeefanno kaffaltii liqii deebisuu duraan ture
- Haata’u Malee Tajaajila Liqii Wabii Mindaa argachuuf mindaa ji’aa karaa telebirr fudhachuun ykn dhaabbata hojjetaan itti hojjetu waliin waliigaltee tasiifamu gahaadha.
- Hanga liqii fi kaffaltii
- Hanga liqii gad-aana fi ol-aanaa hayyamame gidduu hanga jiru kamiyyuu liqeeffachuu ni dandeessu.
- Maallaqa liqii gaafattan akkuma argattaniin lakkofasa herrega teleebirii keessanitti keessanitti ni galfama.
- Liqii biroo argachuuf liqii isin irra jiru dursa kaffalu qabdu.
- Liqaa fudhattan gar-tokkeen ykn guutummaan kafaluu ni dandeessu.
- Gosa liqii irratti hundaa’uun yeroon liqii itti deebi’uu guyyaa 5, guyyaa 10, guyyaa 30, guyyaa 45 fi ji’a 14 ni ta’a.
- Hangi liqii ol-aanaan liqii Guyyoota 5, Guyyoota 10, Guyyoota 30, fi Guyyoota 45nii tartiibaan Qr.5000, Qr.6,000, Qr.15,000, fi Qr.30,000, yoo ta’u hangi liqii gadi-aanaan immo tartiibaan Qr.100, Qr.100, Qr.200, and Qr.5,000 dha.
- Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii wabii guyyaa 5 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %1.5 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.35 hanga %1.2 daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu.
- Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii wabii guyyaa 10 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %2 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.3 hanga %0.9 daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu.
- Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii wabii guyyaa 30 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %4 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.3 hanga %1 daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu.
- Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii wabii guyyaa 45 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %6.5 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.5 hanga %0.67 daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu.
- Tajaajiilli Liqii Wabii Mindaa, kaffaltiin liqii kan kaffalamu bakka walqixatti qoqqoodamee yeroo dangeffame keessatti suuta suuta kafalamee kan xumuramu ta’a
- Liqii Wabii Mindaa Ji’a 5 yeroo kaffaltii ji'a 14 fi kaffaltii tajaajilaa %19.5 qabaata,.
- Guyyaa itti kaffalamuu qabuttii liqii keessan hin kaffalle yoo ta’e, kaffaltii adabbii mallaaqa liqii keessan hin kaffalamiin irraatti dhiibbeenta %0.11, kan guyyaa guyyaan shallagamu guyyaa 90f ni kaffaltu.
- Maamilli liqii isa irra jiru guyyaa kaffaltii booda guyyoota 90 keessatti deebisuu yoo baate hangi liqii hin deebinee herrega qusanna maamilicha irraa hirdhifame kaffaltii liqiitiif ni oola.
- Maallaqni herrega bonasii keessa jiru liqii kaffaluuf hin oolu.
- Guyyaa kaffaltii booda, Ethio telecom fi Bankiin Siinqeen hanga liqii isin irra jiruu herrega telebirr keessan irraa ofumaan ni fudhatu.
- Maamilli Liqiin yeroo deebi’uu qabu keessatti yoo in deebisne Itiyoo telekoom fi Baankiin Siinqee yeroo barbaachisaa ta’etti hanga liqii hin kaffalaminii herrega maamila dhuunfaa baankii Siinqee irraa ykn herrega baankii biroo irraa kalatiidhaan sassaabuu ni dandaha, dabalataanis mala kamiiyyu fayyadamuun liqii sassaabuu ni danda’a.
- Itiyoo telekoom fi Baankiin Siinqee liqii yeroodhaan hin deebine filannoo mana murtiitiin alaatiin liqii sassabuuf akka isaan gargaaruuf jecha, iddo mana jireenyaa ykn daldalaa maamila mala kamiinu fayyadamun barbaadanii argachuun mirga liqii sassaabuu akka qaban waliigaleera.
- Liqiin Yeroo isaatti yoo hin deebine Ethio telecom fi Baankiin Siinqee daataa dhuunfaa maamila qaama sadaffaaf(dhaabbata ykn nama dhuunfaa) hojjii liqii sassaabu irratt bobba’aniif dabarsuu ni danda’u.
- Liqiin karaa filannoowwan mana murtiitin alaatiin sassabuun yoo hin dandahamne Ethio telecom fi Baankiin Siinqee dhimmicha Ofii isaaniitiin, karaa dhaabbata tajaajila seeraa kennutiin, ykn karaa abbaa seeraatiin dhimmicha gara mana murtii idileetti geessuuf mirga guutuu qabu.
- Seerota raawwatinsa qaban
Seerotni Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa, qajeelfamni Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, akkasumas hojimaatni baankii Siinqee fi Itiyoo telekoom Haalawwan fi Dambiiwwan kana irratti raawwatiinsa ni qabaata.
- Odeeffannoo gaafachuu
Tajaajila, Hojimaata, Haala fi Dambiiwwan telebirri ilaalchisee gaaffii yoo qabaattan,
Wiirtuu keesumessa maamiltootaa telebirr (127) bilbiluu, ergaa gabaabaa gara (126) irratti erguu ykn odeeffannoo dabalataaf fuula miidiyaalee hawaasaa telebirrii (https://telehub.ethiotelecom.et/) daawwachuu ni dandeessu.
- Waliigaltee Addaan kutuu
Tajaajila liqii fi qusannaa kamiyyuu irratti miidhaa yoo geessitan, seeraan ala yoo fayyadamtan, ykn hanna yoo geggeessitan, waliigaltee kana isin beeksifnee ykn osoo isin hin beeksisin guutummaatti ykn gartokkeen addaan kutuuf ykn yeroodhaaf dhaabuuf mirga ni qabna. Waliigaltee kana guutummaatti ykn gartokkeen adda kutuun mirgaa fi dirqama duraan kuufame kamiyyuu fi garee kamiyyuu irratti dhiibbaa uumuu hin danda’u.
Maammiillii komee isa qaamaan, barreeffamaan, poostaa, faksii, iimeelii, ykn bilbilaan dhiyeefachu ni danda’a. Ethio telecom komii keessan yeroodhaan furuuf tarkaanfii hunda ni fudhata. Yoo deebiin argattan isin hin quubsine dhimmicha walduraa duubaan gara Baankii Siinqee fi Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatti ol-iyyachuu ni dandeessu
- Waldhabdee Hiikuu
Waliigaltee kanaan walqabatee falmiin uumamu kamiyyuu akkaataa keewwata 9 armaan olitti ibsameen furmaata hin arganne yooo tae, Mana Murtii Federaalaa Itiyoophiyaa dhimmicha irratti aangoo qabuuf ni dhiyaata.
- Qabanna
Maallaqa, meeshaalee, sanadoota ykn meeshaalee gatii guddaa qaban eegumsa nageenyaaf kuufaman, cheekiiwwan dhiyaate, biilii, fi qabeenya biro kan socho’uu ykn hin sochoone biroo hunda irratti qabiyyee waliigalaa ni qabanna. Haalota mirga qabannaa nuuf kennan keessatti liqii isin irraa qabna yoo ta’e, qabeenyi qabiyyee jalatti qabame hundi akka wabii liqichaa ta’ee fudhatama.
- Hubachiisa
Erga isin beeksifnee booda, Herrega telebirrii keessan herrega nu biraa qabdan kamiyyuu herrega liqii, qusannaa, kuufama, kuufama yeroon daangeffame kan garee, dhuunfa ykn gosa biroo kamiyyuu waliin walitti makuun liqii isin irra jiru kamiyyuu irraa hirdhisuun kaffaltii liqii isin irra jiruuf ni oolchuu ni dandeenna.
- Itti gaafatamummaa
Lakkoofsi iccitii telebirrii (PIN) dhoksaadhaan kaawamuu qaba, isin malee namni biraa argu hin qabu. PIN keessan qaama sadaffaaf yoo kennitan ykn yeroo yeroon jijjiiruu yoo dhabdan, bilbila keessan namni hin eeyyamamneef akka faayyadamu yoo gootan, bilbilli/SIM kaardiin keessan hatame ykn bade hatattamaan qaama dhimmi ilaallatutti yoo hin beeksifnee fi hin cufisiifne kasaaraa/miidhaa Kanaan wolqabatee isin mudachuu maluuf itti gaafatamummaa kan fudhattu isin qofa.