Malaa(Liqii Xiqqaa)

Akaakuun tajaajila kanaa namoota dhuunfaa fi daldaltootaaf/bakka bu’oonni daldala xiqqaa/biizinasii akka jalqaban ykn daldala isaanii akka babal’ifatan karaa maallaqa elektirooniiksii liqii xiqqaa kan itti argatanidha.

Weekly
Monthly
Credit Amount Access fee Daily fee Daily penality fee
Credit Amount Access fee Daily fee Daily penality fee
Min Max
Min Max
100 5000 1% 0.35% 0.50%
100 10000 3% 0.35% 0.50%
4000 0.40%
8000 0.40%
3000 0.85%
6000 0.65%
2000 1.05%
2500 0.85%
1000 1.10%
1000 1.05%
100 1.20%
200 1.20%

Credit Types

Credit TypeMinimum LoanMaximum LoanPayment PeriodFacilitation FeeDaily FeePenality
Mela Daily1002,0001 Day1% 2%
Mela Weekly1005,0007 Days1%0.35% up to 1.2%2%
Note: all amounts are in ETB

Mela Monthly

Credit amountTariff
Facilitation feeDaily FeePenalty
6003%0.80%0.11%
800 0.75%
1,400 0.70%
3,000 0.67%
6,000 0.62%
8,000 0.58%
10,000 0.50%
12,000 0.30%
Note: all amounts are in ETB

50 Days Credit

Credit amountTariff
Facilitation feeDaily FeePenalty
30006%0.70%0.11%
5,000 0.66%
7,000 0.62%
9,000 0.59%
11,000 0.56%
13,000 0.53%
15,000 0.50%
18,000 0.50%
Note: all amounts are in ETB

Qaqqabiinsi qaama tajaajila malaa teeleebirrii keessaa isa tokko yoo ta’u, hojjettoota mootummaa fi dhuunfaa mindaa isaanii karaa teeleebirrii fudhatanii liqii akka argatan kan dandeessisudha.

photo_2022-08-26_14-27-09

Mela Medaresha

Product

Minimum

Maximum

Facilitation fee

Credit amount

1000

36000

 

Due date

After 90 days/ 3-Months

 

Repayment schedule

Installment based (Per Month)

 

 

After due date (90 days)

 

0.5% per day

 

Yaadannoo–

  • Daangaan Liqii  Birrii 1,000 amma  Birrii 36,000 .

Guyyaa itti deebifamu guyyoota 90 booda ta’a

Qaqqabiinsa Malaa karaa tajaajila fayyadama (application) teeleebirrii fayyadamuu

  1. Tajaajila faayinaansii  filadhaa.
  2. Teeleebirr Malaa  filadhaa.
  3. Qaqqabiinsa Malaa filadhaa
  4. Daangaa liqii ilaalaa.
  5. Liqii gaafadhaa  isa jedhu  filadhaa.
  6. Baay’ina birrii galchaatii  Ilaalaa  isa jedhu cuqaasaa.
  7. Xumuruuf  Mirkaneessaa isa jedhu cuqaasaa

Lakkoofsa gabaabaa Gara  *127# tti bilbiluu

  1. Gara *127#tti  bilbilaa
  2. Tajaajila dhimma faayinaansiif lakkoofsa 1 galchaa.
  3. Teeleebirr malaaf lakkoofsa 1 galchaa.
  4. Liqii fudhachuuf lakkoofsa tokko filadhaa.
  5. Gara baafata itti aanuu deemuuf  (#) , itti aansuun qaqqabiinsa baatii 3 filachuuf lakkoofsa 4 galchaa.
  6. Baafata itti aanuun (#) , liqii amma barbaaddan galchaa.
  7. Mirkaneessuuf lakkoofsa 1 galchaa.

 

 

  • Hojjettoonni tajaajila liqii qaqqaa argachuuf jalqaba walii galtee raawwachuu qabu.
  • Hojjettoonni guyyoota 90 keessatti liqii yoo deebisan kafaltiin tajaajilaa %10 ta’a.
  • Guyyaa kafaltii daangeffamee booda maamiltoonni kafaltii hafe irraa %5 guyya guyyaatti akka kafalan taasifama.
  • Mindaan isaanii karaa teeleebirrii galii yemmuu taasifame kafaltiin deebi’u battalatti hir’ifama/ni raawwatama.
  • Hojjettoonni % 30 mindaa isaanii liqeeffachuu ni danda’u.
  • Kafalaan/dhaabbanni qaxare fi hojjettoonni mindaa isaanii karaa teeleebirrii fudhachuuf walii galtee taasisuu qabu.
  • Hojjettoonni tajaajila liqii qaqqabiinsaa argachuuf mindaa isaanii yeroo (baatii )sadiifkaraa teeleebirrii fudhachuu qabu.
  • Walii galteen kontiraataa wayita mallatteeffamu mindaa isaanii % 30 liqii akka fudhatan ni dandeessisa.
  • Liqiin kun baatii tokko keessatti kan kafalamudha.
  • Dhaabbanni qaxare/kaampaanichi kafaltiin mindaa hojjettootaa karaa teeleebirrii kafaalu akka itti fufu mirkaneessuun akkasumas kontiraata wayita addan kutu baatii tokko duraItiyoo telekoomiif beeksisuu qaba.

    • Waggaa 18 fi isaa ol.
    • Siim kaardii Itiyoo Telekoomii tajaajila kennu qabaachuu.
    • Tajaajiloota Teeleebirrii fi Itiyoo telekoomii kanneen akka deetaa,sagalee, ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuu qabdu.
    • Galmaa’uuf lakkoofsa gabaabaa  (*127#) ykn fayyadama(application) teeleebirriitti fayyadamaa.
    • Turtiin fayyadama maamiltummaa teeleebirrii baatii 3 fi kanaa ol ta’uu qaba.

    Tajaajila kana karaa fayyadama moobaayilii teeleebirrii attamittin jalqabsiisuu fi itti fayyadamuu danda’a?

Karaa Fayyadama moobaayilii (application) Teeleebirrii attamittan tajaajila kana jalqabsiisuu fi fayyadamuu danda’a?

Tajaajila jalqabsiisuuf

  • ’Tajaajila faayinaansii’ isa jedhu cuqaasaa.
  • ‘Teeleebirri malaa’ isa jedhu filadhaa-danbii fi haaldureewwan dubbisuun mallattoo √ dhiibuun walii galuu keessan ibsaa.

‘Jalqabsiisuuf’ isa jedhu dhiibaa

Liqii fudhachuuf

  • Teeleebirri malaa isa jedhu jalaa kontiraata barbaaddan filadhaa.
  • Daangaa keessan liqii fi tarreeffama danbiiwwanii ilaalaa.
  • ‘Liqii gaafadhaa’ isa jedhu filadhaa.
  • Amma liqii barbaaddanii galchaa.
  • ‘Ilaalaa’ isa jedhu dhiibaa.

‘Mirkaneessaa’ isa jedhu dhiibaatii xumuraa

Liqii kafaluuf

  • Teeleebirri malaa isa jedhu jalaa ‘teeleebirrii malaa koo’ isa jedhu filadhaa.
  • Kontiraata barbaaddan filadhaa.
  • Tarreeffama walii galtee jalaa ‘kafalaa’ isa jedhu dhiibaa.
  • Baay’ina birrii kafaltanii galchaa(hunda ykn gartokkee)
  • ‘Mirkaneessaa’ isa jedhu dhiibaatii xumuraa.

Maamiltoota dhuunfaaf

  • Umriin isaanii waggaa 18 fi kanaa ol
  • Bittaa fi gurgurtaan maamilli tokko baatii 6 keessatti raawwate, kana jechuun,
    • Moobaayilii guuttachuu fi qarqaba bituu,
    • Itti fayyadama tajaajiloota Itiyoo telekoomii  (sagalee, barreeffama gabaabaa fi deetaa,
    • Yeroo tutii cimdaa Itiyoo telekoomi,i
    • Oomishootaa fi tajaajiloota bituu, kafaltiiwwan tajaajilaa kan baatii raawwachuu,
    • Kafaltii galii walitti qabuuu,
    • Maallaqa erguuf,
    • Maallaqa kaa’uuf,
    • Maallaqa baasuuf,
    • Maallaqa biyya alaarraa ergame fudhachuu,
    • Al tokkotti kafaltiiwwan hedduu raawwachuu,  (mindaa, seeftiineetii..),
    • Tikeettii bitachuu,
    • Haala liqii kanaan duraa, k.k.f tilmaama keessa ni galu.
  • Maamilli tokko liqii xiqqaa kanaan dura fudhate yoo hin deebifne liqeeffachuu hin danda’u.
  • Maamilli liqiin xiqqaa, moobaayilii guuttatee fi liqii tajaajila Itiyooteelii irra jiru tajaajila liqii xiqqaaf ga’aa miti.

Haalawwanii fi Dambiiwwan
Waliigaltee kun (kana booda "Haalawwanii fi Dambiiwwan" jedhamee kan waamamu)
Haalawwanii fi Dambiiwwan guutuu kanneen tajaajila liqii maaykiroo telebirr mela irratti raawwatiinsa of keessatti qabata.
Haalawwanii fi dambiiwwan kun, akkasumas fooyya'iinsi fi jijjiiramni isaan waliin walqabatu kamiyyuu, maamila irratti hojiirra kan oolan erga maamilaan dubbifamee fi fudhatama argateen booda filannoo(“Jalqabsiisi") jedhu cuqaasuun.

1. Hiikkaa
Jechoonni fi ibsitoonni Haalawwanii fi Dambiiwwan kana keessatti tarreeffaman hiika armaan gadii qabatu:-

1.1. "Baankii Daashin" jechuun dhaabbata faayinaansii qajeelfama qabu fi Ethio telecom waliin ta'uun maamiltoota telebirriif tajaajila liqii Maaykiroo faayinaansii kennuuf waliigaltee kan taasiseedha.
1.2. "Itiyoo telekoom" jechuun dhaabbata kaffaltii raawwachuuf(payment instrument issuer) hayyama qabuu fi tajaajila liqii maayikiroo faayinaansii Mela maamiltoota Telebirrittiif kennuf Baankii Dashin waliin waliigaltee kan taasiseedha.
1.3. “Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa" jechuun Dhaabbata dhaabbilee faayinaansiif hayyama kennuufi hojii isaanii to’achuuf akkaataa labsii Lakkoofsa.591/2001tiin hundeeffame dha.
1.4. “telebirr”-Jechuun Maqaa daldalaa tajaajila maallaqa moobaayilaa (mobile money service) Itiyoo telekoom yoo ta'u, maamiltoonni bilbila harkaa isaanii fayyadamuun tajaajila faayinaansii akka argatan kan taasisudha.
1.5. “Lakkoofsa Herrega Telebiir” jechuun Lakkoofsa herrega fayyadamtoonni Telebirr maallaqa karaa elektirooniksiitin kuusuu, erguu fi fudhachuu kan dandeesiisudha.
1.6. "Tajaajila liiqii Maayikiroo Malaa" jechuun tajaajila Baankii Daashiinii fi Itiyoo Telekoom waliin ta’un,maamiltoota dhunfaaf liiqii xiixxiiqaa maallaqaa elekrooniksiidhaan karaa Teleebirri argachuun dandaa’amudha..
1.7. "Tajaajila liqii Maayikiroo Malaa Maddaarashaa" Jechuun Baankiin Daashin fi Ethio Telecom waliin ta’uun karaa telebirr hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaatiif akkaataa waliigaltee dhaabbilee isaanii waliin taasifamun, haalawwan fi dambiiwwan armaan gaditti ibsamaniin tajaajila liqii kennamu jechuudha.
1.8. "Maamila dhunfaa" Jechuun nama uumamaa maqaa isaatiin lakkoofsa herrega telebirri qabuu fi tajaajila liqii malaa telebirri fayyadamuf walii galeedha.
1.9. “Maallaqa Elektirooniksii(E-Money) jechuun gatii maallaqaa elektirooniksii lakkofsa herrega telebirrii maamiltootaa keessatti argamuta ta’ee, kan maallaqa Birrii Itiyoophiyaan waalqixa ta’e bakka bu’uu fi maamiltootan kan sochoo’u jechuudha.
1.10. sihi" ykn "kan kee" jechuun Maamila dhuunfaa yoo ta'u, bakka bu'oota mamiila dhuunfaa sanaa kan dabalatudha.
1.11. nuyi" " keenya" fi "unu" jechuun baankii dashiin fi Itiiyoo Teeleekoom jechuudha.
1.12. “Kaffaltii Tajaajilaa” jechuun kaffaltii maamiltoonni dhuunfaa Tajaajila Kaffaltii Liqii fayyadamuuf kaffalan Hanga kaffaltii kanaa akka murto Itiyoo Telekoom fi Baankii Dashiin yeroo barbaadetti dursanii beeksisuun jijjiiramuu ni danda’a.
1.13. "Kaffaltii guyyaa" jechuun gosa liqii maamila dhuunfaa fudhate irratti hundaa'uun hanga liqaa hin kaffalamiin guyyaa guyyaan raawwatamu jechuudha.
1.14. “Kaffaltii adabbii" jechuun akkaataa haala waliigaltee liqiitiin mamilli dhunfaa maallaqa liqii yoo deebisuu dadhabe liqii fudhataan kaffalu jechuudha.
1.15. "Guyyaa kaffaltii" jechuun guyyaa dhumaa yeroo dangeeffame maamiltoonni dhuunfaa guyyaattii liqii deebisuu qaban jechuudha.
1.16. "Liqii badaa" jechuun liqaa guyyaa kafaltii dhuma irraa eegalee guyyoota 90 keessatti hin kaffalamiin ture jechuudha.
1.17. Jechoonni saala dubartiitiin ibsaman saala dhiiraaf, jechoonni saala dhiiraatiin ibsaman immoo saala dubartiif oolu.
1.18. Nama dhunfaa" kan jedhu dhiiraafis dubartiifis ni tajaajila.

2. Fudhatama Haala fi Dambiiwwan
2.1. Tajaajila liqii Malaaf iyyachuun dura Haalawwanii fi Dambiiwwan ittiin bulmaata tajaajila liqii malaa kanneen of eeggannoodhaan dubbisuu fi hubachuu qabdu.
2.2. haalawwaniifi dambiiwwan kanarratti walii hin gallee yoo ta’ee filannoo armaan gadii “haqii” kan jedhuurrattii cuqaasaa.
2.3. Haalawwanii fi Dambiiwwan armaan gadii kana akka dubbistanii, hubattanii fi fudhattaniittii kan lakka’aamu yoo: Filannoo "Jalqabsiis" jedhu cuqaasuun, haalawwanii fi dambiiwwan dubbisuu, hubachuu fi fudhachuu fi/ykn Tajaajila liqii Malaa fayyadamuu ykn itti fufiinsaan fayyadamu yoo mirkaneessitaniidha.
2.4. Tajaajila liqii Malaa beekamtii kenniteefi fudhatte jirta akkasumas Ethio telecom waliin hojjechuu fi tajaajila liqii Malaa mala elektirooniksiitiin karaa teelbirr qofaan argachuuf walii galte jirta.
2.5. Haalawwaniif fi Dambiiwwan Itiyoo Telekoom fi Bankii Daashin yeroo yerootti fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’an yoo ta’u, jijjiirama kanaa dursiine isin beeksifna. Haalawwaniif fi Dambiiwwan Jijjiiraman kun guyyaa applikeeshini, weebsayiti ykn poortaala Telebirr irratti maxxansame irraa eegalee hojiirra ni oola.
2.6. Maamilli maallaqa kana kaayyoo seera qabeessaaf akka itti fayyadamu walii gale jira.

3. Tajaajila Liqii Malaa Jalqabsiisuuf
Tajaajila liqii malaa Itiyoo telekoomii fi Baankii Daasin waliin jalqabuuf yoo xiqqaate:
3.1. Haalawwanii fi dambiiwwan kana dubbisuu, hubachuu fi fudhachuu kan danda’u.
3.2. Umurii Waggaa 18 fi isaa ol ta’u
3.3. Siim- kaardii Itiyoo-teleekoom kan tajaajila kennu qabaachuu.
3.4. Tajaajila Teleebirrii fi Itiyoo-teleekoom (daataa, sagalee fi ergaa gabaabaa) si’aayinnaan kan fayyadamu ta’u.
3.5. SIM-Kaardi itiyoo telekoom erga fudhattanii fi tajaajila telebirriif erga galmooftanii booda ji'a sadii fi isaa ol networkii(si’aayinaan fayyadamaa) irra turuu.
• Tajaajila liqii Malaa Galmaa'uuf ykn jalqaabsiisuf karaa USSD (*127#) ykn teleebirr SuperApp fayyadamuu dandeessu

4. Tajaajila liqii Malaa argachuf Ulagaalee guuttamuu qaban

4.1. Hangi liqii mamilli fudhachuu danda’uu kan murtaa’u, daddabarsa mallaqaa karaa telebirri fi fayyadama tajaajila telekoomi maamilli ji’oottan jahan darban keessatti geggessaa ture irratti hundaa’uun. Daddabarsi mallaqaa karaa telebirr armaan gaditti tarreeffame hanga liqii maamila tokkoo murteessuuf kan gargaarudha.
o Yeroo qilleensaa guutuu ykn kuufama bitachuu (ofiin ykn bakka bu'a irraa)
o Bittaa Meeshaalee ykn tajaajila raawwachuu
o Kaffaltii biilii ofiif ykn maamila biraatiif (ofin ykn karaa bakka bu’a) kafalu
o Kaffaltii tajaajila ofiif ykn maamila biraatiif (ofin ykn karaa bakka bu’aa)kafalu
o Kaffaltii dhaabbilee (bulk payment) fudhachuu (mindaa, Gargaarsa, ..).
o Maallaqa biyya alaa irraa ergamee fudhachuu
o Kaffaltii tikkeettii
o Kaffaltii gargaarsa
o Tajaajila qusannoo mallaaqa
o Maallaqa erguu fi fudhachuu
o Fayyadama teleekoomii (sagalee, daataa ykn ergaa gababaa).
o odeefanno kaffaltii liqii deebisuu duraan ture
4.2. Haata’u Malee Tajaajila Liqii Adraash argachuuf mindaa ji’aa karaa telebirr fudhachuun ykn dhaabbata hojjetaan itti hojjetu waliin waliigaltee tasiifamu gahaadha.
5. Hanga liqii fi kaffaltii
5.1. Hanga liqii gad-aana fi ol-aanaa hayyamame gidduu hanga jiru kamiyyuu liqeeffachuu ni dandeessu.
5.2. Maallaqa liqii gaafattan akkuma argattaniin lakkofasa herrega teleebirii keessanitti keessanitti ni galfama.
5.3. Liqii biroo argachuuf liqii isin irra jiru dursa kaffalu qabdu.
5.4. Liqaa fudhattan gar-tokkeen ykn guutummaan kafaluu ni dandeessu.
5.5. Gosa liqii irratti hundaa’uun yeroon liqii deebi’uu guyyaa 1, guyyaa 7, guyyaa 30, fi guyyaa 50 ni ta’a.
5.6. Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii Malaa guyyaa 1 yoo kaffaltan, kaffaltii tajaajilaa %1 hanga liqii fudhattan irra shallagamu kaffaltu
5.7. Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii Malaa guyyoota 7 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %1 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.35 hanga %1.2 daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu.
5.8. Guyyaa kafaltii Jiddutti liqii overdraft yoo kaffaltan, kaffaltiin haala mijeessuu guyyaa jalqaba maallaqa liqii irraa %2.5 isin kafalchiisa. Akkasumas liiqii fudhattan yeroon yoo hin kaffalle ta’ee, guyyaa guyyaan %0.3 hanga %1.1 ta’u hanqaa liiqii fudhattan irratti hundaa’un ni kaffalama.
5.9. Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii Malaa guyyoota 30 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %3 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.3 hanga %0.80 daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu
5.10. Guyyaa kaffaltii jiddutti liqii Malaa guyyoota 50 yoo kaffaltan, guyyaa jalqabaa kaffaltii tajaajilaa %6 fi guyyota hafaniif kaffaltii guyyuu %0.5 hanga %0.7daanga liqii ol-aana (credit limit) irratti hundaa’uun ni kaffaltu.
5.11. Tajaajiilli Liqii Malaa Maddaarashaa, kaffaltiin liqii kan kaffalamu bakka walqixatti qoqqoodamee yeroo dangeffame keessatti suuta suuta kafalamee kan xumuramu ta’a
5.12. Liqii maddaarashaa dhibbeenta %30 mindaa yeroo kaffaltii ji'a 3 fi kaffaltii tajaajilaa %10 kafalama.
5.13. Liqii maddaarashaa mindaa jia 2 yeroo kaffaltii ji'a 9 fi kaffaltii tajaajilaa %16 kafalama.
5.14. Liqii maddaarashaa mindaa jia 3 yeroo kaffaltii ji'a 12 fi kaffaltii tajaajilaa %20 kafalama.
5.15. Liqii Meddaarashaa jia’a 2 tiii fi Ji’a 3 yeroon osoo hin ga’in yoo kaffaltii yoo raawwatan, kaffaltii tajaajilaa %3 hamma isinirrattii hafee irraa shallagamuu ni kafaltu.
5.16. Guyyaa itti kaffalamuu qabuttii liqii keessan hin kaffalle yoo ta’e, kaffaltii adabbii mallaaqa liqii keessan hin kaffalamiin irraatti dhiibbeenta %0.11, kan guyyaa guyyaan shallagamu ni kaffaltu.
5.17. Maamilli liqii isa irra jiru Guyyaa kaffaltii booda guyyoota 90 keessatti deebisuu yoo baate hangi liqii hin deebinee herrega qusanna maamilicha irraa hirdhifame kaffaltii liqiitiif ni oola.
5.18. Maallaqni herrega bonasii keessa jiru liqii kaffaluuf hin oolu.
5.19. Guyyaa kaffaltii booda, Ethio telecom fi Bankiin Daashin hanga liqii isin irra jiruu herrega telebirr keessan irraa ofumaan ni fudhatu.
5.20. Maamilli Liqiin yeroo deebi’uu qabu keessatti yoo in deebisne Itiyoo Telekoom fi Baankiin Daashin yeroo barbaachisaa ta’etti hanga liqii hin kaffalaminii herrega maamila dhuunfaa baankii Daashin irraa ykn herrega baankii biroo irraa kalatiidhaan sassaabuu ni dandaha, dabalataanis mala kamiiyyu fayyadamuun liqii sassaabuu ni danda’a.
5.21. Itiyoo Telekoom fi Baankiin Daashin liqii yeroodhaan hin deebine filannoo mana murtiitiin alaatiin liqii sassabuuf akka isaan gargaaruuf jecha, iddo mana jireenyaa ykn daldalaa maamila mala kamiinu fayyadamun barbaadanii argachuun mirga liqii sassaabuu akka qaban waliigaleera.
5.22. Liqiin Yeroo isaatti yoo hin deebine Ethio Telecom fi Baankiin Daashin daataa dhuunfaa maamila qaama sadaffaaf(dhaabbata ykn nama dhuunfaa) hojjii liqii sassaabu irratt bobba’aniif dabarsuu ni danda’u.
5.23. Liqiin karaa filannoowwan mana murtiitin alaatiin sassabuun yoo hin dandahamne Ethio Telecom fi Baankiin Daashin dhimmicha Ofii isaaniitiin, karaa dhaabbata tajaajila seeraa kennutiin, ykn karaa abbaa seeraatiin dhimmicha gara mana murtii idileetti geessuuf mirga guutuu qabu.

5. Seerota raawwatinsa qaban
Seerotni Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa, qajeelfamni Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, akkasumas hojimaatni baankii Daashin fi Itiyoo Telekoom Haalawwan fi Dambiiwwan kana irratti raawwatiinsa ni qabaata.
6. Odeeffannoo gaafachuu
Tajaajila, Hojimaata, Haala fi Dambiiwwan telebirri ilaalchisee gaaffii yoo qabaattan,
Wiirtuu keesumessa maamiltootaa telebirr (127) bilbiluu, ergaa gabaabaa gara (126) irratti erguu ykn odeeffannoo dabalataaf fuula miidiyaalee hawaasaa telebirrii (https://telehub.ethiotelecom.et/) daawwachuu ni dandeessu.
7. Waliigaltee Addaan kutuu
Tajaajila liqii fi qusannaa kamiyyuu irratti miidhaa yoo geessitan, seeraan ala yoo fayyadamtan, ykn hanna yoo geggeessitan, waliigaltee kana isin beeksifnee ykn osoo isin hin beeksisin guutummaatti ykn gartokkeen addaan kutuuf ykn yeroodhaaf dhaabuuf mirga ni qabna. Waliigaltee kana guutummaatti ykn gartokkeen adda kutuun mirgaa fi dirqama duraan kuufame kamiyyuu fi garee kamiyyuu irratti dhiibbaa uumuu hin danda’u.

8. Komiiwwan.
Maammiillii komee isa qaamaan, barreeffamaan, poostaa, faksii, iimeelii, ykn bilbilaan dhiyeefachu ni danda’a. Ethio Telecom komii keessan yeroodhaan furuuf tarkaanfii hunda ni fudhata. Yoo deebiin argattan isin hin quubsine dhimmicha walduraa duubaan gara Baankii Daashin fi Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatti ol-iyyachuu ni dandeessu

9. Waldhabdee Hiikuu
Waliigaltee kanaan walqabatee falmiin uumamu kamiyyuu akkaataa keewwata 9 armaan olitti ibsameen furmaata hin arganne yooo tae, Mana Murtii Federaalaa Itiyoophiyaa dhimmicha irratti aangoo qabuuf ni dhiyaata.
10. Qabanna
Maallaqa, meeshaalee, sanadoota ykn meeshaalee gatii guddaa qaban eegumsa nageenyaaf kuufaman, cheekiiwwan dhiyaate, biilii, fi qabeenya biro kan socho’uu ykn hin sochoone biroo hunda irratti qabiyyee waliigalaa ni qabanna. Haalota mirga qabannaa nuuf kennan keessatti liqii isin irraa qabna yoo ta’e, qabeenyi qabiyyee jalatti qabame hundi akka wabii liqichaa ta’ee fudhatama.
11. Hubachiisa
Erga isin beeksifnee booda, Herrega telebirrii keessan herrega nu biraa qabdan kamiyyuu herrega liqii, qusannaa, kuufama, kuufama yeroon daangeffame kan garee, dhuunfa ykn gosa biroo kamiyyuu waliin walitti makuun liqii isin irra jiru kamiyyuu irraa hirdhisuun kaffaltii liqii isin irra jiruuf ni oolchuu ni dandeenna.
12. Itti gaafatamummaa
Lakkoofsi iccitii telebirrii (PIN) dhoksaadhaan kaawamuu qaba, isin malee namni biraa argu hin qabu. PIN keessan qaama sadaffaaf yoo kennitan ykn yeroo yeroon jijjiiruu yoo dhabdan, bilbila keessan namni hin eeyyamamneef akka faayyadamu yoo gootan, bilbilli/SIM kaardiin keessan hatame ykn bade hatattamaan qaama dhimmi ilaallatutti yoo hin beeksifnee fi hin cufisiifne kasaaraa/miidhaa Kanaan wolqabatee isin mudachuu maluuf itti gaafatamummaa kan fudhattu isin qofa.