Mallattoo Addaa Waamicha Bilbilaa Dhaabbileef

  1. Dhaabbileen moobaayila hojjatoota ykn michoota (partners) isaanii irratti oomisha fi tajaajiloota akkasumas biraandii (brand) isaanii bifa haaraadhaan akka beeksifataniif kan gargaarudha.

Dhaabbatichi ergaa mataa isaa qopheessuudhaan hojjattoota ykn michoota kanneen mallattoo addaa waamichaa fayyadaman yeroo bilbilan / bilbilameef maamiltoota biroof ergaan barreeffama gabaabaa karaa fuula (iskiriinii) moobaayilaa irratti kan mul’atudha.

Gatii Tajaajilaa


Gosa Kuufamaa Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee

Kan ji’aa (guyyoota 30’f)

Kan waggaa (ji’oota 12’f)
   
   
   
Gatii   Qarshiidhaan   
   
Gatii   Qarshiidhaan   
   
Kuufama mallattoo   addaa waamichaa dhaabbilee 20   
   
380   
   
1,900   
   
Kuufama mallattoo   addaa waamichaa dhaabbilee 50   
   
900   
   
4,500   
   
Kuufama mallattoo   addaa waamichaa dhaabbilee 100   
   
1,700   
   
8,500   
   
Kuufama   Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 300   
   
4,800   
   
24,000   
   
Kuufama   Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 50,000   
   
7,500   
   
37,500   

  • Maamiltoonni dhaabbilee tajaajila kana argachuuf giddugala kenna tajaajilaa dhaabbilee dhiiyeenya isaanitti argamu qaamaan deemuutu irraa egama.

 

  • Dhaabbileen mallattoo addaa waamicha bilbilaa kan ji’aa fayyadaman kaffaltii   tajaajila   isaanii  biilii ji’aatiin akka kaffalamu ni taasifama . Dhaabbileen mallattoo addaa waamicha bilbilaa kan waggaa fayyadamuu barbaadan kaffaltii duraa kan kuufamichaa yeroo galmeetti kaffaluutu irraa egama.

 

  • Dhaabbileen tajaajila mallattoo addaa fayyadamaa jiran ol guddisuuf, gadi xiqqeessuuf akkasumas haquu yeroo barbaadan giddugala kenna  tajaajilaa dhiyeenya isaaniitti argamu deemuun irra kan jiraatu yoo ta’u, gaaffiin isaanii hojii irra kan oolu yeroo kaffaltii biilii kan dhaabbilee itti aanu ta’a.

 

  • Miseensi tokko akkaawuntii mallattoo addaa waamichaa tokko qofaa keessatti dabalamuu kan danda’u yoo taú, akkaawuntii mallattoo addaa waamichaa haaraa keessatti miseensumman kan hammatamu yoo ta’e immoo isa duraa irraa dursee haquu qaba.