Mallattoo Addaa Waamicha Bilbilaa Dhaabbileef
- Dhaabbileen moobaayila hojjatoota ykn michoota (partners) isaanii irratti oomisha fi tajaajiloota akkasumas biraandii (brand) isaanii bifa haaraadhaan akka beeksifataniif kan gargaarudha.
Dhaabbatichi ergaa mataa isaa qopheessuudhaan hojjattoota ykn michoota kanneen mallattoo addaa waamichaa fayyadaman yeroo bilbilan / bilbilameef maamiltoota biroof ergaan barreeffama gabaabaa karaa fuula (iskiriinii) moobaayilaa irratti kan mul’atudha.
Gatii Tajaajilaa
| Gosa Kuufamaa Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee |
Kan ji’aa (guyyoota 30’f) |
Kan waggaa (ji’oota 12’f) |
|---|---|---|
| |
Gatii Qarshiidhaan |
Gatii Qarshiidhaan |
| Kuufama mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 20 |
380 |
1,900 |
| Kuufama mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 50 |
900 |
4,500 |
| Kuufama mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 100 |
1,700 |
8,500 |
| Kuufama Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 300 |
4,800 |
24,000 |
| Kuufama Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 50,000 |
7,500 |
37,500 |
HAALAWWANII FI DAMBIIWWAN
- Maamiltoonni dhaabbilee tajaajila kana argachuuf giddugala kenna tajaajilaa dhaabbilee dhiiyeenya isaanitti argamu qaamaan deemuutu irraa egama.
- Dhaabbileen mallattoo addaa waamicha bilbilaa kan ji’aa fayyadaman kaffaltii tajaajila isaanii biilii ji’aatiin akka kaffalamu ni taasifama . Dhaabbileen mallattoo addaa waamicha bilbilaa kan waggaa fayyadamuu barbaadan kaffaltii duraa kan kuufamichaa yeroo galmeetti kaffaluutu irraa egama.
- Dhaabbileen tajaajila mallattoo addaa fayyadamaa jiran ol guddisuuf, gadi xiqqeessuuf akkasumas haquu yeroo barbaadan giddugala kenna tajaajilaa dhiyeenya isaaniitti argamu deemuun irra kan jiraatu yoo ta’u, gaaffiin isaanii hojii irra kan oolu yeroo kaffaltii biilii kan dhaabbilee itti aanu ta’a.
- Miseensi tokko akkaawuntii mallattoo addaa waamichaa tokko qofaa keessatti dabalamuu kan danda’u yoo taú, akkaawuntii mallattoo addaa waamichaa haaraa keessatti miseensumman kan hammatamu yoo ta’e immoo isa duraa irraa dursee haquu qaba.