Ashaam Teelee
Tajaajiloota keenya irra deddeebi’uun fayyadamuun badhaafamaa!
Maamiltoonni keenyaa tajaajiloota keenya irra deddeebi’uun nu waliin turuu isaaniif kan itti badhaafnudha. Tajaajila kanaaf galmaa’aa! Qabxii walitti qabadhaa! Baay’ina qabxii kuufattaniin moobaayilii guuttachuu, qarqaba bitachuu, erraga tajaajilaa kan ji’aa kafaluu, akkasumas waamicha sagalee taasisuu, daataa fayyadamuu fi eraa erguu kkf fayyadamuu ni dandeessu. Neetwoorkii Itiyoo Telekoomii yeroo dheeraa fayyadamuun qabxii baay’ee yoo walitti qabattan bilbila Moobaayilii, Taableetii fi Laaptooppii ni argattu.
Ulaagaaleen kanaa Maal fa’i?
Tajaajila moobaayilii fayyadamuu
- Maamiltoota tajaajila kafaltii duraaf guyyaatti birrii 2.5 fi kanaa ol fayyadamuu.
- Maamiltoota kafaltii boodaaf kafaltiin tajaajilaa kan ji’a tokkoo inni xiqqaan birrii 75.
- Birriin 1 qabxii 1argamsiisa.
Point accumulation criteria is usage:1 birr usage= 1 point
One Point Value: 1 Asham tele Point = 3 cents
Steps to use Ashamtele
Via My Ethiotel Mobile App
Via Ethio Gebeta *999#
- Appilikeeshinicha banuudhaan tarreeffama baafataa karaa harka mirgaa gubbaarra jiru keessaa Ashaam Teelee kan jedhu filadhaa.
- Achi keessaa “Galmaa’uuf” kan jedhu filadhaa.
- Itti aansuun “Mirkaneessi” akkasumas “itti fufaa” jedhu cuqaasaatii filadhaa.
- Tarreeffama baafata Ashaam teelee keessaa “qabxii dabarsuuf ” kan jedhu filadhaa.
- Baay’ina qabxii dabarsuu barbaaddanii barreessaa.
- Lakkoofsa bilbilaa qabxii itti dabarsitanii barreessaatii ergaa.
- Tarreeffama baafata Ashaam Teelee keessaa “qabxiidhaan bitachuuf” kan jedhu filadhaa.
- Qarqabaalee guyyaa, torbanii fi ji’aa qabxii keessaniin bitachuu yoo barbaaddan “qarqaba bitachuuf” kan jedhu filadhaa.Ykn
3. Gara daqiiqaa, daataa fi eraa barreeffamaa gabaabaatti jijjiiruuf akkasumas biilii kaffaluuf , moobaayilii bitachuu yoo barbaaddan “Multiple Redeem” kan jedhu filadhaa.
- Tarreeffama baafata Ashaam Teelee keessaa “sadarkaa maamilummaa fi qabxii beekuuf ” kan jedhu filadhaa.
- Tarreeffama baafata Ashaam Teelee keessaa “tajaajila bitattan keessaa ammam akka isin hafe beekuuf” kan jedhu filadhaa.
- Gara *999# tti bilbiluun Ashaam teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
2. Galmaa’uuf lakkoofsa 1 galchaa
- Gara *999# tti bilbiluun Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- Qabxii dabarsuuf lakkoofsa 2 galchaa.
- *lakkoofsa bilbilaa*baay’ina qabxii# barreessaatii ergaa
- Gara *999# tti bilbiluudhaa Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- Qabxii jijjiiruuf lakkoofsa 3 galchaa.
- Gara *999# tti bilbiluudhaan Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- # galchuun itti aansuun lakkoofsa 4 filadhaa.
- Gara *999# tti bilbiluun Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- # galchaatii itti aansuun lakkoofsa 3 filadhaa.
| Voice & Data Packages Lists | ||
|---|---|---|
| Validity | Required Asham tele point | Package Type |
| Daily | 170 Point | 100 MB |
| 930 Point | 600 MB | |
| 170 Point | 25 Min. | |
| 333 Point | 50 Min | |
| Weekly | 1100 Point | 500 MB |
| 1970 Point | 1 GB | |
| 1000 Point | 110 Min. | |
| Monthly | 2000 Point | 1 GB |
| 4000 Point | 2 GB | |
| 1833 Point | 150 Min | |
| Multiple Point Redeem | ||
|---|---|---|
| Type | Required Asham tele point | Type of Resource |
| Airtime (ETB) | 35 Point | 1 ETB |
| Voice (Min.) | 20 Point | 1 Min. |
| Data (MB) | 10 Point | 1 MB |
| SMS (Item) | 5 Point | 1 SMS |
| Bill Payment (Birr) | 35 Point | 1 ETB |
- What to get using Ashamtele points?
Ashamtele Points Redeem for Mobile Phone and Other devices
| CATEGORY | DEVICE TYPE |
|---|---|
| Handset | Feature Phone |
| Entry phone | |
| Mid- range | |
| High-end | |
| Tablet | Different Model |
| Laptop | |
| Smart Watches | |
| Air buds | |
| Others |
1 Points = 3 Cent
Get it from Ethio Gebeta (*999#), My Ethiotel App and Ardi Chatbot
Yaadannoo
Qabxiiwwan moobaayilii, Taableetii fi Laaptooppotaaf barbaachisan /haala gabaarratti hundaa’ee gatiin jijjiiramuu ni danda’a
- Fayyadamtoonni kafaltii duraa, kafaltii boodaa fi akkasumas moobaayilii hayibiriidii sagantaa looyaaliitii Ashaam teelee fayyadamuuf ni danda’u.
- Sagantaan kun kan hojeeffamu lakkoofsa tajaajilaani malee lakkoofsa erragaan miti.
- Maamiltoonni Ashaam Teelee galmaa’uu fi bulchuuf Appilikeeshinii moobaayilii May Itiyoo teel fayyadamuu akkasumas gara *999# tti bilbiluu qabu.
- Maamiltoonni qabxiilee yeroon itti hin darbine maamiltoota fayyadamoo sagantaa Ashaam Teelee ta’aniif daangaa tokko malee erguu ni danda’u. Haa ta’u malee miseensa maamila hin taaneef qabxii erguun hin danda’amu.
- Qabxiin tajaajila akka hin kennine dhorkame nama biraaf dabarsuu fi fayyadamuun hin danda’amu.
- Lakkoofsi bilbilaa nama biraatti yoo darbe qabxiileenis walumaan darbu.
- Lakkoofsa bilbilaa tajaajia addaan kuteen qabxiilee Ashaam Teelee fayyadamuun hin danda’amu.
- Barri tajaajila qabxiilee inni guddaan baatiiwwan 12 qofa. Fakkeenyaaf maamilli tokko Ebla 1 bara 2014 qabxiilee 10 yoo qabaate barri tajaajilaa qabxiilee Ebla 1 bara 2015 raawwata.
- Birrii 1 gadi fayyadamtaniittu yoo ta’e baay’ina birrii tajaajila yeroo itti aanu fayyadamtan waliin ida’amee qabxii ni argattu.
- Tajaajiloonni Itiyoo Telekoom bilisaan ykn kennaadhaan dhiheessu qabxii kuufachuuf hin oolan.
- Qabxiin Ashaam Teelee 1 saantima 2 waliin qixa yoo ta’u, kunis taaksii dabalataa dabalateetu.
- Maamiltoonni tajaajila yemmuu addaan kutan qabxiin kuufatanis addaan cita.
- Kafaltiin ji’aa Ashaam Teeleen osoo hin jalqabiin dura ykn maamilli tokko tajaajila kanaaf osoo hin galmaa’iin dura kuufame kafaluun qabxii hin argachiisu.
Qabxiin kan ittiin herregamuu fi lakkoofsota tajaajilaaf kan qaqqabu akkaataa qajeelfamoota armaan gadiitiini.
- Moobaayilii kafaltii duraa-
- Sagalee, ergaa gabaabaa fi daataa birrii 1 yemmuu fayyadamtan qabxii 1 argattu.
- Qabxiin sa’aatii 24 keessatti argattan odeeffannoon yeroo hunda isiniif ergama.
- Fayyadamtoonni qarqabaa, qarqaba hin daangeffamne dabalatee qabxiin keessan baay’ina birrii qargaba ittiin bittaniin Erregama. (birrii 1 = qabxii 1 )
- Qarqabni kennaadhaan yemmuu ergamu namni erge gatii qarqabaa amma kafaletti qabxiin ni kennamaaf.
- Moobaayilii guuttanii nama biraaf yoo dabarsitan qabxiin kan qabamu yoo ta’u, garuummoo kan ergameef yemmuu itti fayyadamu qabxii ni kuufata.
- Lakkoofsota gabaabaa/addaa yemmuu fayyadamtan qabxii hin argattan.
- Yoo xinnaate guyyaatti tajaajila birrii 2.5 fayyadamuun barbaachisaadha.
- Moobaayilii kafaltii boodaaf-
- Biilii ji’aa wayita kafaltan birrii tokkoon qabxii 1 argattu.
- Qabxiin yemmuu erregamu lakkoofsota gabaabaa/addaatti kan fayyadamtan hin ilaallatu.
- Kafaltiin keessan kan ji’aa yoo xinnaate birrii 75 ta’uu qaba.
- Kafaltii ji’aa kana kan kafalu maamila biraa yoo ta’e qabxiileen gara fayyadamaatti ergamu.
- Moobaayilii keessan Teeleebirriin wayita guuttan
- Birrii 1 wayita guuttan qabxii 2 argattu
- Qabxiileen yroo hunda sa’aatii 24 keessatti argattan odeeffannoon isiniif ergama.
- Maamiltoota biroof moobaayiliin yoo guutame qabxiin nama biteef/kaffaleef ergama.
- Daldaltoonni Teeleebirriin yoo kafalan
Daldaltoonni Teeleebirriin birrii 10 yoo kafalan qabxii 1 kuufatu