Faayinaansii Bilbilootaa

  1. Walii Galtee
  • Walii galteen kun (kanaan booda “Dambiiwwanii fi haalawwan” kan jedhamu) tajaajila ‘divaayis faayinaansingii’ ilaalchisee dambiiwwanii fi haalawwan walii gala of keessatti qabaata.
  • Dambiiwwanii fi haalawwan kanneen akkasumas wantootni kanaa wajjin walqabatanii fooyyeeffaman ykn jijjiiraman fayyadamtoota ‘divaayis faayinaansiingiitin’ dubbifamanii fudhatama yeroo argatan(walii galeera kan jedhu yeroo filatan) hojiiirra oolu.
  1. Hiikkaa
  • “Itiyoo Telekoom” jechuun kaffaltii raawwachuuf heyyama kan qabu ta’ee Tajaajila ‘Divaayis Faayinaansiingii’ maamiltoota teelee birriisaaf dhiyeessuuf walii galtee qabu jechuudha.
  • “Teelee birrii” jechuun, bilbila moobaayilaa fayyadamuun tajaajila maallaqa kaa’uu, erguu, fudhachuu, liqii/kireditii xixiqqaa, inshuuraansii xixiqqaa, sooromaa fi qusannaa xixiqqaa fi kkf argachuuf kan dandeessisu maqaa daldalaa tajaajila maallaqaa Itiyoo telekoomiti.
  • “Akkaawontii Teelee birrii” jechuun, maallaqa elektiroonikaa siistema keessaa qabdan kan ibsu jechuudha.
  • “Tajaajila Divaayis faayinaansiing” jechuun, tajaajila liqii/kireditii Itiyoo Telekoomiin kennamu yoo ta’u maamilli dhuunfaan Teelee birrii Chaanaalii Teelee birrii fayyadamuudhaan dambiiwwanii fi haalawwan armaan gaditti tarreeffaman irratti hundaa’uudhaan ‘Divaayis faayinaansiingii’argachuu danda’u.
  • “Maamila dhuunfaa” jechuun, Akkaawontii teelee birrii maqaa isaatiin tajaajila ‘divaayis faayinaansiingiif’ maamila galmaa’e jechuudha.
  • “maallaqa Elektroonikaa” hanga wal qixa maallaqa callaa kan bakka bu’u gatii maallaqa elektiroonikaa maamila ilaallatu jechuudha.
  • “Ati ykn Kan kee” jechuun maamila dhuunfaa yoo ta’u bakka bu’oota maamila dhuunfaas of keessatii qabata.
  • “nuyi ykn kan keenya”jechuun, Baankii fi Itiyoo Telekoom jechuudha.
  • “kaffaltii daddabarsaa” jechuun yeroo tajaajila liqii xixiqqaa fayyadamtan kaffaltii tajaajilaa, adabbii ykn kaffaltiiwwan biroo kan kaffaltan jechuudha. Gatii daddabarsa maallaqaa yeroo kamittiyyuu Baankichaa fi Itiyoo Telekoomiin jijjiiramuu danda’a.
  • “kaffaltii Tajaajilaa” jechuun, hanga kaffaltii tajaajila ‘Divaayis Faayinaansiingii’ fayyadamuuf kaffaltan jechuudha.
  • “kaffaltii Adabbii”jechuun, Tajaajila ‘Divaayis faayinaansiitiif daangeffamni guyyaa kaffaltii itti darbee yeroo kaffaltii kaffaltan kaffaltii dabalataa kaffaltan jechuudha.
  • “Daangeffama guyyaa kaffaltii” jechuun, daangeffama guyyaa/yeroo kaffaltiin Divaayis faayinaansiingii itti kaffalamu kan agarsiisu jechuudha.
  • “guyyaan kaffaltii kan itti darbe” jechuun, guyyaan kaffaltii tajaajila Divaayis faayinaansiingii kan itti darbe ta’uu kan agarsiisu jechuudha.
  • “Liqii hojii ala ta’e”jechuun, Tajaajilli ‘Divaayis faayinaansiingii guyyaa itti kennamee jalqabee liqii guyyaa 90 keessatti hin kaffalamne yoo ta’u, yeroo isaa eeggatee waan hin deebineef akka liqii hojii ala ta’eetti yeroo agarsiifamu/ilaalamu jechuudha.
  • Jechi “Dhuunfaa” jedhu saala Dhiiraa dubara lameenuu kan ilaallatu ta’a.
  • Tajaajila ‘Divaayis Faayinaansiingii fayyadamuudhaaf iyyachuu keessaniin dura dambiiwwanii fi haalawwan kanneen of eeggannoon dubbisuudhaan, akkaataa fayyadamaa fi ittiin bulmaata tajaajila Divaayis faayinaansiingii dubbisuun walii galaa.
  • Dambiiwwanii fi haalawwan kanneen kan walii hin galle yoo ta’e filannoowwan tarreeffaman keessaa haqaa ykn balleessaa kan jedhu filadhaa.
  • Dambiiwwanii fi haalawwan akka dubbistan, akka hubattanittii fi akka fudhattanitti kan ilaalamu:-
  • Walii galuu keessan karaa chaanaalii USSD yeroo mirkaneessitan filannoo✔ “waliin gala” jedhu yeroo tuqxan/filattan ykn yeroo mallatteessitan; dambiiwwanii fi haalawwan dubbisuudhaan hubattanii kabajuudhaaf ittiin walii galuu keessan akka mirkaneessitan ykn tajaajila ‘Divaayis faayinaansiingii fayyadamuudhaaf akka walii galtanitti fudhatama.
  • Kaffaltii tajaajila ‘Divaayis faayinaansiingii’ karaa elektiroonikaawaa Itiyoo Telekoom waliin wal ta’uun fi kaffaltii tajaajila Divaayis Faayinaansiingii karaa kaffaltii elektiroonikaawaa Siistema teeleebirriitiin fayyadamuuf walii galtanii jirtu.
  • Dambiiwwanii fi haalawwan yeroodhaa gara yerootti Itiyoo telekoomiin fooyya’uu ykn jijjiiramuu kan danda’an yoo ta’u poortaalii Teelee birriitiin, Appilikeeshinii Teelee biirriin ykn marsaritii irratti guyyaa gadi dhiifaman irraa jalqabee maamila irratti hojii irra kan oolu ta’a.
  • Walii galtichi karaa elektirooniksii fudhatama yeroo argatee kaasee; walii galteenii fi haalawwan kanneen Isinii fi nuyi gidduutti karaa seera qabeessaan walii galtee dirqamsiisoo ta’u. Mirgaa fi dirqama walii galtee kana jalatti qabdan nama biroo kamiifuu dabarsitanii kennuun isiniif hin heyyamamu.
  • Maamilichi maallaqicha kaayyoo seera qabeessaaf oolchuuf walii galee jira.
  1. Kaffaltii tajaajila Divaayis Faayinaansiingii jalqabsiisuuf

Tajaajila Divaayis Faayinaansiingii jalqabsiisuuf yoo xiqqaate:

  • Barreessuu fi dubbisuu sirriitt kan danda’u dabalataanis dambiiwwanii fi haalawwan kana kan hubate fi kan fudhatan ta’uu;
  • Waggaa 18 fi isaa ol ta’uu
  • SIM Itiyoo Telekoom tajaajila kennu qabaachuu
  • Tajaajiloota Teelee Birrii fi Itiyoo Telekoom kan akka daataa/sagalee/ergaa barreefamaa gabaabaa kan fayyadaman ta’uu
  • Maalummaan Itiyoo telekoomii keessan waggaa 5 fi kan Teeleebirrii ji’a 3 fi isaa ol ta’uu qaba.
  1. Tajaajila ‘Divaayis Faayinaansiing fayyadamuudhaaf ulaagaalee bu’uuraa
  • Daneettii liqeeffachuu maamilaa: maamilli tajaajila liqii fayyadamuu guyyaa dhiyeesseen dura ji’a 6f sosochii/daddabarsa maallaqaa teelee birrii fi fayyadama Teelekomii isaanii irratti hundaa’a. bittanii fi daddabarsi maallaqaa teelee birrii armaan gadi jiru hanga maamilli liqeeffachuu danda’u shallaguuf oolu.
  • Ofii keessaniif ykn nama biroof Yeroo qilleensaa guutuu ykn kuufama bituu (tajaajila ofiin of gargaaruu ykn warren bakka bu’oota irraa)
  • Meeshaalee ykn tajaajila bituudhaan
  • Ofii keessaniif ykn nama biroof Biilii kaffaluun(tajaajila of-gargaaruun ykn bakka bu’ootaan)
  • Ofii keessanii ykn nama biroof kaffaltii fayyadamaa kaffaluun (tajaajila ofiin of-gargaaruutiin ykn bakka bu’ootaan)
  • Biyya alaarraa maallaqa fudhachuun
  • Kaffaltii waliigalaan(Mindaa, Seeftineetii…)
  • Kaffaltii Tikeettii
  • Kaffaltii gargaarsaaf maallaqa walitti qabuu
  • Tajaajila qusannaa
  • Maallaqa erguu
  • Fayyadama Teelekoomiif (sagalee, daataa ykn ergaa) fi kkf
  1. Hangaa fi kaffaltii tajaajila Divaayis faayinaansiingii
  • Hanga gadaanaa fi Olaanaa tajaajila ‘divaayis faayinaansiif’ heyyamamu gidduutti hanga barbaadan liqeeffachuu danda’u.
  • Divaayis Faayinaansiing biro argachuuf liqii duraan Divaayis Faayinaansiif fudhattan kaffaluutu isin irraa eegama.
  • Kaffaltii duraa isiniraa eegamu kaffaluun isin irraa eegama
  • Liqii isin irra jiru gartokkee ykn guutummaa isaa kaffaluu ni dandeessu.
  • Liqii isin irra jiru guyyaa daangeffame keessatti kan hin kaffalle yoo ta’e, tajaajila kaffaltii adabbii dabalataa guyyaa guyyaan 0.11% shallagamu kaffaltu.
  • Erga yeroon itti darbee namni liqeeffate seroodhaan kaffaluu yoo baate, liqeessaan hanga liqii hafe herrega teeleebirrii keessan irraa battalumatti kan hir’isu yoo ta’u akkasumas akkaawontii Koomishinii keessan irraa ni fudhata.
    • Tajaajila Divaayis Faayinaansiingii Baankii Siinqee
  • Yeroon kaffaltiin itti deebifamu ji’a 6 fi 12 ta’ee taa’eera. Kaffaltii keessan ji’aan ji’aan kaffaluutu isin irraa eegama.
  • Kaffaltii liqii ji’a 6 isinirra jiru yeroo daangeffame keessatti kan kaffaltan yoo ta’e kaffaltiin tajaajilaa walii gala kaffaltan 20%(ji’a ji’aan 3.33%) ta’a. haaluma wal fakkaatuun kaffaltii liqii ji’a 12 isinirra jiru yeroo daangeffame keessatti kan kaffaltan yoo taé, kaffaltiin tajaajilaa waliigala kaffaltan 25%(Ji’a Ji’aan 2.08%) ta’a. kaffaltiin kan kaffalamu ji’a ji’aan yoo ta’u, Liqii isin irra jiru gar-tokkeen ykn guutummaa guutuutti kaffaluu ni dandeessuu.
    • Tajaajila Divaayis Faayinaansiingii Baankii Awaash
  • kaffaltiin itti deebifamu ji’a 6 fi 12 ta’ee taa’eera. Kaffaltii keessan ji’aan ji’aan kaffaluutu isin irraa eegama.
  • Kaffaltii liqii ji’a 6 isinirra jiru yeroo daangeffame keessatti kan kaffaltan yoo ta’e kaffaltiin tajaajilaa walii gala kaffaltan 25%(ji’a ji’aan 4.17%) ta’a. haaluma wal fakkaatuun kaffaltii liqii ji’a 12 isinirra jiru yeroo daangeffame keessatti kan kaffaltan yoo taé, kaffaltiin tajaajilaa waliigala kaffaltan 35%(Ji’a Ji’aan 2.91%) ta’a. kaffaltiin kan kaffalamu ji’a ji’aan yoo ta’u, Liqii isin irra jiru gar-tokkeen ykn guutummaa guutuutti kaffaluu ni dandeessuu.
  • Kaffaltiin tajaajilaa herregamuu kan jalqabu Kaffaltii duraa isin irraa eegamu guyyaa kaffaltan irraa eegaleetu.
  • Kaffaltiin tajaajilaa kan shallagamu gatii walii galaa ‘Divaayii’ irraa kaffaltiin duraa/jalqabaa kaffaltan hir’atee hanga argamu/hafe irraa shallagama.
  • Appilikeeshiniin ‘Divaayisii keessan irratti fe’ame Divaayisiin keessan sababa kaffaltiitiin akka hin cufamne dursee haala kaffaltii keessan isin hubachiisa.
  • Maamiltootni kaffaltii ji’aa isaanii guyyaa 5 keessatti hin kaffalin Divaayisichi tajaajila akka hin laanneef ni cufama; kaffaltii isaanii yeroo kaffalanii fi tajaaila Interneetaa yeroo argatan Divaayisichi tajaajila kennuu jalqaba.
  1. Seera Bulchiinsaa

Seerota diimokiraataawaa Federaalaawaa Ripaabilikii Itoophiyaa, Qajeelfamoota Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa, akkasumas, qajeelfamoota Itiyoo Telekoom seera qabeessa ta’an fi walii galteen fi haalawwan kunneen ni lakkaa’amu.

  1. Gaaffiwwan(odeeffannoo)

Gaaffii/odeeffannoo akaataa adeemsaa, walii galtteewwan fi haalawwan

Tajaajila Divaayis Faayinaansiingii Teelee birriitiin wal qabate kamiinillee karaa giddu gala tajaajila maamiltotaa Teelee birriitiin(127 irratti) bilbiluun odeeffannoo dabalataa argachuu ni dandeessu.

  1. Tajaajila addaan kutuu

Tajaajila Divaayis Faayinaansiingii kamiiniyyuu akeekkachiisa duraa malee ykn beeksisa malee akkaataa malee fayyadamuu keessaniin ykn sababa fayyadama dogoggorsaatiin walii galtee kana guutummaa guutuutti gar-tokkeen dhorkuuf ykn addan kutuuf mirga qabna. Walii galteen kun addaan cituun isaa guutummaa guutuutti ta’e gar-tokkeen mirgaa fi dirqama qaamota walii galan lamaanii kan tuquu hin danda’u.

  1. Komiiwwan

Komiiwwan qaamaan, barreeffamaan, Poostaadhaan, E-mail dhaan ykn bilbilaan dhiyaachuu ni danda’u. Komii Itiyoo Telekoom irraa qabdan yroo sirrii ta’etti isiniif furuudhaaf tarkaanfiwwan hunda ni fudhata. Deebii isnii kennametti kan hin gammanne yoo ta’e gara baankii biyyoolessatti dura duuba isaa eeggachudhaan dhiyeeffachuu ni dandeessu.

  1. Furmaata Falmii

Walii galtee kanaan wal qabatee wal-dahbdee ka’u kamiiniyyuu bu’uura keewwata 9tiin kan hin hiikamne yoo ta’e mana murtii Federaalaa aangoo qabutti dhiyeessuun ni danda’ama.

  1. Qabeenya galfataan kaa’ame

Yoo liqiin isin irra jiraate,qabeenya Baankii fi harka keessan irra jiru; maallaqa callaa\dheedhii, Meeshaalee, kanneen wabiif ta’an, Faayawwan qaalii, Cheekii fi kkf irratti wabii ni taasifanna ykn wabiidhaaf qabanna. Qabeenya socho’aa ykn hin sochoone akkaataa mirga gadi dhiisisuu kennuu keessatti yoo liqiin isin irra jiraate, qabeenyi qabsiifame guutummaan isaa wabiidhaaf akka qabsiifametti lakkaa’ama.

  1. Kaffaltii Liqii

Liqii Divaayis faayinaansiingii isin irra jiru akka kaffaltan erga isin beeksisnee booda yeroo kaa’me keessatti deebisuu kan hin dandeenye yoo ta’e, Baankii keessaa kan qabdan qusannaa baankiilee biroo maallaqa callaa, meeshaalee, kanneen wabiidhaaf taa’an, Faayawwan qaalii, cheekii irraa hanga liqii isin irra jiru ykn isin irratti hafe baankicha irraa fudhachuuf Baankichi ni dirqisiifama.

  1. Hubachiisa

Lakkoofsa iccitii Teeleebirrii(PIN) iccitiidhaan kaa’amuu qaba. Isin irraa kan hafe nama biroo kamiifillee kennamuu hin qabu. Fayyadama lakkoofsa iccitii keessaa; lakkoofsa iccitii yeroo yeroon jijjiiruu dhiisuu, Akkaawontii teeleebirrii hin heyyamamne fayyadamuudhaan; fayyadama bilbila moobaayilaa ykn SIM kaardiin wal qabatee kasaaraa ykn hanna umamuuf itti gaafatamummaa guutuun kan keessan qofa ta’a.