Itiyoo Telekoom pirojektii ‘Ismaart Siitii’ Adaamaa dhugoomsuuf bulchiinsa magaalaa Adaamaa waliin sanada waliigaltee mallatteesse.

Mul’ataa fi ergama akkasumas agarsiiftuu (LEAD) tarsiimoo guddinaa waggaa sadii (LEAD) irratti akka kaa’ametti tajajila konneektiviitiin ala (Beyond Connectivity) tajaajila dijitaalaa dhiheessuun dursa fudhachuun sochii maamiltootaa guyya guyyaa ammayyeessuu fi cimsuuf bal’inaan hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kanaafis pirojektii ‘Ismaart Siitii’ Adaamaa hojiirra oolchuuf sanadni waliigaltee bulchiinsa magaalaa Adaamaa waliin har’aa mallatteeffame agarsiiftuu tokko dha.

Pirojektiin kun teekinooloojiiwwan ayisiitii bulchiinsa magaalaa Adaamaa fayyadamuun kafaltii tajaajilootaa karaa kafaltii dijitaalaa teeleebirrii raawwachuun ga’umsa raawwannaa dabaluuf, tajaajiloota mootummaas ta’e jireenya jiraattota magaalaa kan jijjiiruu fi dandeettii raawwachiisummaa bulchiinsichaa kan guddisu akkasumas jireenya jiraattotaa karaa  hawaasummaa, dinagdeefi naannawaa, akkasumas jireenya walii galaa dhaloota egeree kan ammayyeessu fi magaalaa Adaamaa abbootii qabeenyaa fi daawwattootaaf hawattuu kan taasisudha.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin Itiyoo telekoomiin kanneen akka Meetiroo daark faayibar (Metro Dark Fiber), tajaajila kilaawudii, jiddugaleessota deetaa, quunnamtii baandiwiidzii abbaa humna guddaa fi quunnamtii shiboo malee (high bandwidth low latency wireless connectivity), sirna kafaltii dijitaalaa fi tajaajiloota quunnamtii kanneen biroo tajaajiloota dijitaal sooluushiinsi alatti jiran /beyond connectivity/, bu’uraalee misoomaa teekinooloojii infoormeeshinii (ICT) diriirsuun sagantaa ‘Ismaart’siitii’ magaalaa Adaamaakan dhugoomsu ta’a.

Kana malees Itiyoo Telekoomiin bu’ura misoomaa telekoomii fi infoormeeshiin komunikeeshinii qiandaa’aa bal’ina sagantaa ‘Ismaart Siitii’ Adaamaa waliin qindeessuun karaa intarneetii NB-IOT /Internet of things/ Oftiingis 4G, 5G  fi tooftaalee quunnamtii kanneen biroo fayyadamuun tajaajila daddabarsa quunnamtii shiboo malee qulqullina olaanaa qabuu fi amansiisaa ta’e kan dhiheessudha. Kanaafis faayibar optiiksiin ‘Ismaart Siitiif’ dhakaa bu’uraa waan ta’eef Itiyoo Telekoom bu’uura misoomaa kana gara mana jireenyaa, gamoowwanii iddoowwan barbaachisanitti diriirsuun hojiiwwan oppireeshinii kan hojjetu ta’a.

Akkasumas Itiyoo Telekoon ajaajiloota Kilaawudii fi deetaa senterii karaa sagantaa ‘Ismaart Siitii’ dhiheessuudhaan akkasumas tajaajiloota magaalaa karaa sirna Kilaawudii qaqqabaa taasisuun salphaatti argachuun akka danda’amu fi tajaajiloota manneen qopheessaa fi tajaajiloota dhuunfaa kanneen biroo Teeleebirrii waliin qindeessuun kafaltiin dijitaalaa qaama magaalaa ‘Ismaartii’ akka ta’u hojiirra ni oolcha.

                                               Itiyoo telekoom

                                    Onkolooleessa 24 bara 2015